Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Kitaaba Saamu'eelii ka 2ffaa 1:2 - Kitaaba Woyyuu

2 Guyyaa sadeesso'ootitti namni tokko qe'ee Saa'oliitii uffata ufii tarsaasee daaraa mataa ufiititti firfirsee ture; gara Daawitii dhufee kallachaan gad kufee simateen.

Gade chapit la Kopi




Kitaaba Saamu'eelii ka 2ffaa 1:2
25 Referans Kwoze  

Guyyaa san namichi gosa Biiniyaamii tokko hulee lolaatii fiiga'aa dhufee uffata ufii bibbiinxee, daaraa ufitti firfirsee gara Seelo'oo dhaqe.


oduu michuu waan qabate fakkaatee, gammachuu du'a Saa'olii ka natti hime gatii akka ta'uuf qabee Tsiqilaagitti ajjeese.


Abigiyaanillee hennaa Daawitiin argite ariiti'iin harree irraa buutee Daawitiin jalatti gad jette.


Iyyaasuun guddisee nayee uffata ufii bibbiinxe; inninii fi jaarsonni Israa'elii saanduuqa waada'aa ka Rabbii afo'otti daaraa ufitti firfirsanii kufanii haga galgalaa turan.


Worri Yihuudota uduu hin taane nu Yihuudota jedha'aa soban, worri woldaa seexanaa ta'an gara kee dhufanii luka kee jalatti akka sagadaniif akka isaan akka ani si jaaladhu beekan taasisa.


Hennaa san irraa jalqabee Yesuus darasoota ufiititti, «Ani gara Yerusaalemii dhaqa; achitti harka manguddootaatitti, harka mootota gadootaatii fi barsiisota Seera Muuse'eetitti guddisee rakkadha; hin ajjeefama; guyyaa sadeesso'ootitti ammo hin ka'a» jedhee himuu jalqabe.


Akkuma Yoonaasiin raattichi halkan sadihii fi guyyaa sadihii garaa qurxummii guddichaa keessa ture; Ilmi Namaa halkan sadihii fi guyyaa sadihii garaa lafaa keessa tura.


Isin gadda keessan mudhisu'uuf uffata keessan tarsaasuun gaya'aa miti; caala'atti garaa guutu'uun gara kiyya deebi'aa'a.» Rabbi Waandhi keessan arjaa'a, ka namaa dhiisu, ka lolaaf hin ariifanne, ka jaalala bara baraatiin duroomee fi ka adabbi'iif hin ariifanne waan ta'eef gara isaa deebi'aa'a.


Nu'u isa afo'otti akka jiraannu guyyaa lamaan maayessa nu haarawoomsa guyyaa sadeesso'ootitti nu kaasa.


Rabbiin akkana jedhaa'a; «Hujiin kee attamitti naadira! diintonni kee sababaa guddinna hunna keetiitiin; si afo'otti roqomsan.


Guyyaa sadeesso'ootittillee Asteer uffata mootummaa ufii uffattee kolba teessoo kutaa mana mootichaa keessa dhaabatte. Mootichillee mana mootummaa ufii keessa kolba seensaa afo'oon taa'aa ture.


«Deemii Ayihuudota Suusaa keessa jiran maraa wolitti qabi, naaf soomaa'a, kadhadhaa'a, guyyaa sadihiif halkanii fi guyyaa hin nyaatinaa'a, hin dhuginaa'a, anii fi hojjattoonni tiyyallee akkasuma hin soomna. Yoma seeraan alallee ta'e mooticha bira hin seena; yoo badellee hin bada.»


Daawiti hennaa gaara irratti Rabbii sagadu'uuf dhaqe Kuusi namni gosa Arka'aa uffata ufii biinxee daaraa mataa ufiititti firfirsee gara Daawitii dhaqe.


Dubartittiin Tuquhee keessa jiraattu gara mootichaa ol seentee gad jettee nagaya gaafattee «Yaa mootii na oolchi» jetteen.


Mucaan haga lixeen maayessa Daawiti dhagaa gara bita'aa hulee itti dhokatee ka'ee kallacha ufiitiin haga lafa gawutti gad jedhee hennaa sadihii sagade; inninii fi Yoonaataan hennaa wol dhungatanii wolitti booyan Daawiti Yoonaataa caalaa booye.


Namichi odu'uun dhufe sun Eeli'iin, «Namni hulee duulaatii dheessee dhufe ana» jedhe; innillee namicha saniin «Ilma kiyya! wonti sun atta ta'e?» jedheen.


Isaanillee, «Garbichi kee abbaan keenna nagaya jira» jedhanii haga kallachaan lafa tuqanitti gad jedhaniif.


Achiin maayessa uffata ufii bibbiinxee mudhii ufii uffata gaddaatiin hidhatee ilma ufiitii guyyaa baay'ee booye.


Roobeel hennaa gara boollaa deebi'u Yooseefiin achi keessaa dhabee


Guyyaa sadeesso'ootitti Abrahaam ol jedhee hulee dhaqa'aaru san fago'otti arge.


Daawiti, «Eessaa dhufte?» jedhee gaafateen. Innillee, «Qachaa Israa'eliitii dheessee dhufe» jedheen.


Isaan maruu biyyee ufitti firfirsanii daaraa irratti gangalata'aa laagaa ufii ol qabatanii mararamanii sii booyan.


Timaar mataa ufiititti daaraa firfirsitee uffata bareedaa uffatte san tatarsaaftee mataa qabattee booya'aa deemte.


Oornaan ol jedhee yoo laalu mootichinii fi bulchoonni ka gara isaa dhufa'aaran argee, mooticha afo'otti gad jedhee nagaya gaafate.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite