1 Saa'ol haga du'een maayii Daawiti worra Amaaleqii ajjeesee deebi'ee guyyaa lamaa Tsiqilaagiin taa'e.
Achiin maayessa Ankus qachaa Tsiqilaagii kenneef; kanaafuu qachattiin sun guyyaa san irraa jalqabdee ta mootota Yihuuda'aa taate.
Akkasitti Saa'ol ilmaan isaa sadiin, namichi mi'a lolaa baatuu fi akkasuma namoonni isaa maruu guyyama san dhuman.
Deebi'anii hulee Qaadees jedhamtu ta Ayinimisphaaxii dhaqanii biyya Amaaleqii maraa fi akkasuma Amoorota Hasesoonii, Tamaariin jiranillee lolanii mooyatan.
Daawitii fi namoonni isa woliin deeman guyyaa sadeesso'oo gara Tsiqilaagii hennaa deebi'an worri Amaaleqootaa kutaa biyya gara kibbaatii fi Tsiqilaagii duulanii lolanii ibiddaanillee guban.
Saa'ol namicha mi'a woraanaa isaa baatuun «Worri hin gadoomne dhufanii akka natti hin taphanne ati guraadee keetiin na ajjeesi» jedheen; namichi mi'a lolaa baatuuf guddisee waan sodaatee tureef kana godhuu dide; achii Saa'ol guraadee ufii fudhatee itti dirme.