Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Kitaaba Saamu'eelii ka 1ffaa 4:2 - Kitaaba Woyyuu

2 Worri Filisxeemii lola jalqabe, worri Israa'elii worra Filisxeemiitiin mooyataman. Hennaa san worra Israa'elii keessaa namoota haga kuma afuriititu du'e.

Gade chapit la Kopi




Kitaaba Saamu'eelii ka 1ffaa 4:2
13 Referans Kwoze  

Karaa keenna qorree haa laalluu; gara Rabbii haa deebinuu;


Worri Israa'eliitii fi worri Filisxeemii wol lolu'uuf wol bira gayaniiran.


Inni dhaabatee duultota worra Israa'eliititti, «Amma isin duulaaf wonti asitti wol geettaniif maal godhu'uuf? Ani nama Filisxeemiiti; isin garboota Saa'oliiti; eeganaa isin keessaa nama naan loluu danda'u tokko filadha'aatii inni gara kiyya dhufee naan haa loluu.


Kanaaf ijoolleen Israa'elii diina ufii jala dhaabachuu hin danda'an; isaan worra abaaraman waan ta'aniif diina ufii jalaa dheessan; waan battii ta'e uf jiddu'uu yoo balleessuu baattan, asiin maayessa ani isin woliin hin ta'u.


Worri Israa'elii worra Filisxeemii woliin wol lolu'uuf bayanii hulee Abeni'eezar jedhamutti quphatan; worri Filisxeemii ammo hulee Afeeq jedhamutti quphatan.


Worri hafan hennaa gara qe'ee ufii deebi'an manguddoonni Israa'elii «Adha Rabbi maaf worra Filisxeemii jalatti nu kuffise? Saanduuqa waada'aa akka nu jidduu deemu diina keenna jalaa akka nu baasu, Seelo'oo haa finnuu» jedhan.


Worri Filisxeemii lolanii worra Israa'elii mooyatan, worra Israa'elii keessaa namoota baay'etu dhume; guyyaa san worri lukaan deemanii lolan namoota haga kuma soddomaatitu dhume.


uduu eennullee isaan hin ariine akka waan woraana dheessaniititti wol sassakaaltan; isin diintota keessan afoo dhaabachuu hin dandeettan.


Achiin maayessa worri Amaaleqiitii fi worri Kana'aanii dhufanii isaan dhayanii haga biyya Heerma'aa isaan ari'an.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite