Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Kitaaba Saamu'eelii ka 1ffaa 4:12 - Kitaaba Woyyuu

12 Guyyaa san namichi gosa Biiniyaamii tokko hulee lolaatii fiiga'aa dhufee uffata ufii bibbiinxee, daaraa ufitti firfirsee gara Seelo'oo dhaqe.

Gade chapit la Kopi




Kitaaba Saamu'eelii ka 1ffaa 4:12
9 Referans Kwoze  

Iyyaasuun guddisee nayee uffata ufii bibbiinxe; inninii fi jaarsonni Israa'elii saanduuqa waada'aa ka Rabbii afo'otti daaraa ufitti firfirsanii kufanii haga galgalaa turan.


Fagoo dhaabatanii hennaa laalan isaan isa ta'uu hin beenne; haga akka isa ta'e hubatan iyya'aa booyan; marti isaaniituu woyaa uffataniiran uf irraa mulqanii bibbiinxan; mataa ufii irrattillee daaraa firfirsan.


Ji'uma kana guyyaa diddamii arfeesso'ootitti ijoolleen Israa'elii wol gayanii soomaan uffata gaddaa uffatanii daaraa uf irratti firfirsan.


Daawiti hennaa gaara irratti Rabbii sagadu'uuf dhaqe Kuusi namni gosa Arka'aa uffata ufii biinxee daaraa mataa ufiititti firfirsee gara Daawitii dhaqe.


Guyyaa sadeesso'ootitti namni tokko qe'ee Saa'oliitii uffata ufii tarsaasee daaraa mataa ufiititti firfirsee ture; gara Daawitii dhufee kallachaan gad kufee simateen.


Timaar mataa ufiititti daaraa firfirsitee uffata bareedaa uffatte san tatarsaaftee mataa qabattee booya'aa deemte.


Yoo naa ajajmuu diddanii akkasumaan ka deemtan ta'e waan Sheelo'otti godhe maraa mana woyyuu kiyya kanattillee deebi'ee godha; baniin adunya'aa maruu maqaa qachattii tanaa akka abaarsaatitti laalan»


Ani guyyaa waan kana godhu badii san caalaa namni dhufee waan badii kanniin maraa sitti hima.


Isaan maruu biyyee ufitti firfirsanii daaraa irratti gangalata'aa laagaa ufii ol qabatanii mararamanii sii booyan.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite