Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Kitaaba Saamu'eelii ka 1ffaa 4:10 - Kitaaba Woyyuu

10 Worri Filisxeemii lolanii worra Israa'elii mooyatan, worra Israa'elii keessaa namoota baay'etu dhume; guyyaa san worri lukaan deemanii lolan namoota haga kuma soddomaatitu dhume.

Gade chapit la Kopi




Kitaaba Saamu'eelii ka 1ffaa 4:10
19 Referans Kwoze  

Mootiin Yihuuda'aa mooyatamee loltoonni isaallee dheessanii gara qachaa ufii galan.


Worri Filisxeemii lola jalqabe, worri Israa'elii worra Filisxeemiitiin mooyataman. Hennaa san worra Israa'elii keessaa namoota haga kuma afuriititu du'e.


«Rabbi diina kee afo'otti si dhaya; karaa tokkoon isaanitti dhaxxa; karaa torbaan isaan jalaa dheessita; waan si irra gawuun mootonni biyya lafaa maruu nayan.


Ani waan aari'iin isin irratti ka'uuf hin mooyatamtan; worra isin jibbutu isin bulcha; uduu eennullee isin hin ariine baqattan.


Reeffa Abeseloomii fuudhanii boolla guddaa bosona keessaatitti gatanii dhagaa gugurdaa fuudhanii irratti tuulan; worri Israa'elii maruu dheessanii gara daasee ufii deebi'an.


Ijoolleen Efreemii worra buundhee hidhatan; yoo ta'anuu gaafa lolaa duubatti dacha'an.


Worri biyya Yihuuda'aa worra Israa'eliitiin mooyatamnaan isaan maruu gara gara faca'anii gara daasee ufii dheessan.


Abiya'aa fi baniin isaa worra Israa'elii dhayanii banii Israa'elii keessaa baniin kuma dhibba shanii worri filataman hin dhumatan.


Hennaa aduun dhiyuu geette «Ajanyi mootichi waan du'eef namni maruu gara biyya ufiitii fi gara qachaa ufii haa galuu jedhu worra duula ajaju ka Israa'elii irraa baye.


Worri Israa'elii maruu akka mootichi isaan hin dhageenne haga argan mootichaan «Nu'u Daawitiin biraa gayee maal qabna? Ilma Isseyii biraa lafa maal qabna? banii Israa'elii gara daaseewwan keessanii deebi'aa galaa'a; Daawiti ati mana kee eegi» jedhanii deebisaniif; achiin maayessa baniin Israa'elii gara daaseewwan ufii deebi'ee gale.


Hennaa san ilma Bikirii ka maqaan isaa Saabeehi jedhamu ka gosa Biiniyaamii nama raankee ture; inni «Nu Daawitiin biraa qooda woyiituu hin qabnu; ilma Isseyii biraallee gayee hin qabnu; banii Israa'elii! isin maruu gara daasee keessanii deebi'aa!» jedhee xurumbaa afuufe.


Kanaan maayessa mootichi ka'ee balbala afoo taa'e; baniin maruu akka mootichi balbala taa'e dhagayanii mooticha bira dhufan; worri Israa'elii maruu gara daasee ufii dheessan.


Achitti baniin Israa'elii loltoota Daawitiitiin mooyataman; guyyaa san namoonni isaan jalaa dhuman haga nama kuma diddamaa waan ta'eef akkaataan isaan itti dhuman akka guddisee nama jibbisiisu.


«Garuu jecha Rabbii Waaqa keetii yoo dhagawuu baattee ajajaa fi seera ani adha si ajaje kanniin maraa eeddee yoo hin raawwanne abaarsi kunniin maruu gara kee dhufa.


Isin gara Sheeloo hulee ani itti haa na waaqeffattani'iif filadhee deema'aatii waan ani achitti godhe laalaa'a; sababaa cubbuu Israa'elii banii kiyyaatiif Sheeloo diige.


Rabbi Saamu'eeliin, «Guyyaan ani Israa'eliin irratti waan tokko hojjadhu dhiyaateera; namni waan ta'e san gurraan dhagawu maruu coraan isaanii hin rifata.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite