Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Kitaaba Saamu'eelii ka 1ffaa 2:5 - Kitaaba Woyyuu

5 Worri quufanii turan beelayanii nyaataaf uf gurguran, worri beelayanii turan quufan; dhabduun torba deettee, haati ijoollee baay'ee deette, hojja ufii hafte.

Gade chapit la Kopi




Kitaaba Saamu'eelii ka 1ffaa 2:5
11 Referans Kwoze  

Worra beelayanillee waan misha'aan quubsee, dureeyyiillee harka duwwaa geegesse.


Dubartii dhabduu mana keessa jiraachisa; ta gammadde haadha ijoolle'ee taasisa. Halee luyaa.


Haati ijoollee torban ufii dhabde, guddiftee abdii kutattee hafuurri isi'ii adda cite; guyyaan itti dukkanaayeera; saallinii fi salphinni isii irra gayeera; ta lubbu'uun jirtullee akka diintonni teessan isii ajjeesan godha; ani Rabbi waan kana dubbadheera.»


Dureeyyiin hiyyoomatanii beelayan; Worri Rabbiin barbaadan garuu wonti mishaan maruu isaan jalaa hin hanqatu.


Abrahaam ammo akkana jedhee deebise, ‹Ilma kiyya! ati bara jireenna keetii akka waan mishaa argatte qaabadhu; Alaazaar ammo akka rakkata'aa ture yaadi. Amma ammo asitti isaa toleera, ati ammo rakkata'aarta.


Rabbi akkana jedha, «Ati Yerusaalemii dhabduu deettee hin beenne faarfadhu; ta ciniinsifattee hin beenne gammadii ililfadhu! dubartii abbaa worraa qabdu caalaa si'ii abbaa manaa hin qabnee ijoolleen baay'atteertii!


Waan Rabbi gadaamessa isi'ii cufee tureef masaanuun isi'ii isii biibbeessa'aa aarsa'aanii turte.


Yoma san ulfooftee ilma deette «Ani Rabbiin kadhadhee argadhe» jettee maqaa isaa «Saamu'eeliin» itti baafte.


Barreeffama Woyyuu keessatti, «Ijoolleen dubartii abbaa manaa qabduu caalaa, ijoolleen dubartii abbaa manaa hin qabnee waan heddummatteef; ati dhabduu deettee hin beenne gammadi; atillee ta ciniinsifattee hin beenne iyyii ililfadhu!» jedhamee barreeffameera.


Intalti ilma keetii guddiftee si jaalatti; waan ijoolleen torbaa sii gootu caalaa sii gooteerti; amma ammo nama jireenna haarawoomsuuf ka bara jaarruma keetii si gargaaru ilma dhiiraa sii deetteerti» jedhaniin.


Ardiin duwwaa taate; hin huqqatte; bosonni Libaanosii quuree goge; Saaroon akka lafa gammoojjii Arabaa taate Baasaanii fi Qarmeloos baala harcaafatan.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite