Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Kitaaba Saamu'eelii ka 1ffaa 2:1 - Kitaaba Woyyuu

1 Haannaan, «Garaan kiyya Rabbitti gammade, ulfinnaan waan ol na qabeef waan inni na baraareef, ani diintota kiyyatti hin kolfa.

Gade chapit la Kopi




Kitaaba Saamu'eelii ka 1ffaa 2:1
37 Referans Kwoze  

Ani arjummaa keetii fi jaalala kee abdadha; garaan kiyya fayyisuu keetitti hin gammada.


Waa maraanuu Rabbiin kadhatu'uu fi waan kaawwaniitiifillee galata woliin, Rabbiin biratti kadhata keessan beessifadhaa'a malee, waan tokkoofillee hin dhiphatinaa'a.


Ati gaafa kiyya ammo akka gaafa Gafarsaatitti ol qabde; dhadhaa oo'a'aan na dibde.


Ati ulfinna jajjabeenna isaanii waan taateef; gaachena keetiin gaafa keenna ol qabde.


Hennaa maraa Goofta'aan gammadaa'a; ammallee deebi'ee jedhaa gammadaa'a!


Waan ati mooyatteef hin gammanna; maqaa Waaqa keennaatiin alaabaa keenna ol qabna; Rabbi kadhaa kee maraa sii haa raawwatu.


Yoo ati kana naa goote, Tsiyoonitti galata kee labsa; waan ati na fayyifteef hin gammada.


Lubbuun tiyya Rabbiin gammaddi; waan isii fayyiseef hin burraaxxi.


Nu worri Ayyaanaan Rabbiin waaqeffatuu, nu worra Yesuus Kiristoosiin dhaadannu, worra waan foonii hin hedanne, worra gadoomne waan taaneef.


Kana calla'aa miti; araara amma arganne ammo karaa Gooftaa Yesuus Kiristoosiitiin Rabbiin uf janya.


Yoma kunniin maruu dhabamellee ani Rabbiin gammada; Waaqa fayyisaa kiyyaan burraaqa.


Rabbi jajjabeennaa fi faaruu kiyya; fayyisaa naa ta'e.


Amanamummaanii fi jaalalli kiyya isa woliin ta'a; maqaa kiyyaan gaafni isaa ol ol jedha.


Maariyaamillee, «Inni farado'oo fi worra faradoo yaabbatanillee galaanatti gate; ulfinnaan waan kabajjameeruuf Rabbii faarfadhaa'a» jedha'aa isaanii faarfatte.


Kanaan maayessa Muuseenii fi baniin Israa'elii akkana jedhanii faaruu Rabbiif faarfatan; Rabbi waan ulfinnaan guddaa ta'eef, farado'oo fi worra faradoo yaabbatan waan galaanatti gateef Rabbiif faarfadha.


Amma yoo womaallee arguu baattan isatti amantanii raawwii amantii keessanii, fayyinna lubbuu teessanii akka fudhattaniin ulfinna hin dhumannee fi gammachu'uun guuttamtanii gammaddan.


Yaa Gooftaa'a afaan kiyya naa bani; afaan kiyya galata labsa.


Rabbi anaaf dhagaa qarsa'aati; Inni irkoo kiyyaa fi ka na oolchu; Waandhi kiyya dhagaa qarsa'aa ka ani itti dhokadhu; Inni wontee kiyya; gaafa diina kiyya uf irraa dhoogguunii fi dawoo kiyya.


Kadhaan Imbaaqoomiin raattichi faaru'uun dhiyeesse kana;


Gaafa hammeeyyi'ii maraa hin cabsa; gaafni balchootaa ammo ol ol jedha.


Guyyaa maraa akka ulfinna kee odeessu; afaan kiyya galataan guuttameera.


«Samii'i! isi'itti gammadi; woyyoota, ergamtoonninii fi raattonnillee gammadaa'a! waan isiin isin irra geessiteef Rabbi waan isi'itti murteesseeruuf»


Bara durii irraa jalqabee afaan raattota woyyootaatiin akkuma dubbate, fiixaa Daawitii keessaan fayyisaa jabaa nuuf kaaseera.


Hennaa faate'ee bulchaan worra galata dhiyeessanii ilma Asaafii, ilma Zabiidii, Mataaniyaa ilma Miikka'aa, obboleewwan isaa keessaa Baqibaqaarii nama lammeesso'oo, ilma Edootaamimii, ilma Galaalii fi Abdiyaa ilma Saamusii,


Gaachenni Yooseefii akka kormaa sodaachiisa; gaafni isaa akka gaafa gafarsaa jabeeyyi'i; isaaniin orma woraana; haga daangaa lafaa isaan ari'a; kumni kudhanii ka Efreemiitii fi kumni kudhanii ka Minaase'eellee akkasuma ture.


Gaddaaf uffata gaddaa hodhadhee uffadhe; daaraa keessatti gombifame.


Inni worra amanamaa dhiyoo jiran garboota ufii Israa'eliin hin kabajja; worra galataa isaan taasise; Halee luyaa.


Waan Rabbi gadaamessa isi'ii cufee tureef masaanuun isi'ii isii biibbeessa'aa aarsa'aanii turte.


Hennaa isiin wogga wogga'aan gara mana woyyuu Rabbii dhaxxu maraa masaanuun isi'ii Finaanaan isii aarsa'aa isii boochisa'aa waan turteef womaa afaaniin hin qabdu turte.


Achiin maayessa baniin Yihuuda'aatii fi baniin Yerusaalemii Iyyoosaafixi isaan masakka'aa waan Rabbi diintota isaanii akka mooyatan isaan taasiseef guddisanii gammada'aa gara Yerusaalemii deebi'an.


Fedhii garaa isaa kenniteef; ati waan inni si kadhate hin dhoogganneen.


Wonteen keenna ka Rabbii waan ta'eef; mootiin keennallee kama woyyicha Israa'eliiti.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite