Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Kitaaba Saamu'eelii ka 1ffaa 16:3 - Kitaaba Woyyuu

3 Isseyiin gara ciinca'aa waami; waan gootu ani sitti himaa nama ani sitti himu san naa muudi» jedheen.

Gade chapit la Kopi




Kitaaba Saamu'eelii ka 1ffaa 16:3
10 Referans Kwoze  

«Ani boru hennaa akkanaa kana nama gosa Biiniyaamii tokko gara kee ergaa booyicha banii kiyyaa waan argeef bulchaa banii kiyya ka Israa'elii akka ta'u naa muudda; inni banii kiyya Israa'eliin Filisxeemiin jalaa baasa» jedheenii ture.


Hollata'aa maalalfatee, «Gooftaa kiyya! Akka maal godhu feeta?» jedheen. Gooftaanillee, «Amma ka'iitii gara qachatti'ii seeni; achitti waan gootu sitti himamaa» jedheen.


Namoonni dhibba lamaa ka waamaman waan tokkollee uduu hin beenne, gara laafumma'aan gara Yerusaalemii deeman.


Ati isatti himta; waan inni dubbachuu barbaachisu afaan keettaan; ani afaan keetii fi afaan isaa keessallee hin ta'a; waan gootanillee isin barsiisa.


Achitti Saadooqi gadichinii fi Naataan raattichi banii Israa'elii irratti mootii godhanii haa muudanii, xurumbaa afuufa'aa, ‹Solomoon woggaa kumaa haa moowu› jedhaa'a.


Haala kanaan jaarsonni biyya Israa'elii maruu Keebroonitti Daawitiin bira dhaqanii, Daawitillee Keebroonitti Rabbiin afo'otti isaan woliin waadaa gale. Akkuma Rabbi Saamu'eelitti hime akka inni banii Israa'elii irratti mootii ta'uuf Daawitiin moosisan.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite