Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Kitaaba Saamu'eelii ka 1ffaa 1:9 - Kitaaba Woyyuu

9 Gaaf tokko Seelo'otti ciincaa dhiyeessanii haga nyaatanii dhuganiin maayessa Haannaan kaatee dhaabatte; hennaa san gadichi Eeliin balbala mana woyyuu Rabbii bira barcumaa irra taa'eera.

Gade chapit la Kopi




Kitaaba Saamu'eelii ka 1ffaa 1:9
9 Referans Kwoze  

Eeliin rafee uduu jiru, ibsaan mana woyyu'uu uduu hin dhaamne, Saamu'eel hulee saanduundhi waadaa Rabbii jiru keessa uduu rafee jiru,


Ani Rabbiin waan tokko kadhadha; isiillee hin barbaada; bara jireenna kiyyaa maraa mana Rabbii keessa jiraachuu; bareedaa fi ulfinna isaa maalalee inni godhu laalu'uu fi akka mana woyyuu keessatti isa kadhachuu danda'u.


Ani garuu baay'inna araara keetiitiin gara mana keetii seena; si soda'aan gara mana woyyuu keetii sagada.


Achiin maayessa mootichi Naataanii raattichaan «Ani kunoo mana muka birbirsaatiin ijaarame keessa jiraadha; saanduundhi waadaa Rabbii ammo daasee keessa jiraata!» jedheen.


Saamu'eel haga lafti bariituu rafee ganama ka'ee balbala mana Rabbii bane; mudhata argellee Eeli'itti himuu sodaate;


Laagaan Rabbii qilxuu raasa; araddaa cira; maruu mana isaa woyyuu keessa taa'anii, «Ulfinni Rabbiif haa ta'u!» jedhan.


gara qasatoo balbalaa fidee muta'aan gurra isaa haa woraanuu; baraa haga bara baraa garbicha isaa haa ta'uu.


Isiin sababaa gadda onnee isi'iitiin mararamtee booya'aa Rabbiin kadhata'aa turte.


Hennaa inni gara Seelo'oo dhufu Eeliin waan saanduuqa waadaa Rabbiitiif onneen isaa raafamee tureef teessuma baafatee karaa irra taa'ee eega'aa ture; hennaa inni gara qachatti'ii seenee isaanitti odeesse qachaan maruu hin iyyite.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite