Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Kitaaba Saamu'eelii ka 1ffaa 1:3 - Kitaaba Woyyuu

3 Hilqaanaan wogga wogga'aan Rabbii Gooftaa banii maraatii sagadu'uu fi ciincaa dhiyeessu'uuf gara Seelo'oo baya; bara san ilmaan Eeli'ii Afiniinii fi Finihaas gadoota ta'anii Seeloo keessatti Rabbiin tajaajila'aa turan.

Gade chapit la Kopi




Kitaaba Saamu'eelii ka 1ffaa 1:3
22 Referans Kwoze  

Abbaa fi haati isaallee woggama wogga'aan guyyaa ayyaana Faasika'aa gara Yerusaalemii dhaqan.


Baniin ijoollee Israa'elii maruu Seelo'otti wol gayanii achitti daasee wol gayi'ii dhaaban; baniin biyya saniillee cadhisee isaan jalatti bule.


Dhiirti mana Israa'elii maruu Rabbii Waaqa ufii afo'otti woggaa keessa harka sadihii haa mudhatanii.


«Woggaa keessa hennaa sadihii ayyaana naa gootan.


Hilqaanaan maatii ufii woliin ciinca'aa fi woreega wogga'aa dhiyeessu'uuf gara Seelo'oo ol baye.


Gaaf tokko Seelo'otti ciincaa dhiyeessanii haga nyaatanii dhuganiin maayessa Haannaan kaatee dhaabatte; hennaa san gadichi Eeliin balbala mana woyyuu Rabbii bira barcumaa irra taa'eera.


«Woggaa keessatti guyyaa sadihii ayyaana xorosho'oo, ayyaana hennaa midhaan haama'aa, ayyaana daase'ee guyyaa torbaaf ayyaanteffattan; ijoolleen dhiiraa tee maruu hulee Rabbi Waandhi kee filatetti haa mudhatanii; afoo Rabbiillee harka duwwaa hin dhufin.


Fakii bocame ka Mikkaan hojjate haga manni Rabbii ka Seeloo jiru achi jiru achuma dhaabsisan.


Daasee namoota jidduu dhaabe; hulee bulti'ii ta Sheelo'oo hin dhiise.


Saanduundhi waadaa Rabbii hin booji'ame ijoolleen Eeli'ii lamaan Afiniinii fi Finihaasillee hin du'an.


Kanaafuu namoota gara Seelo'oo erganii saanduuqa waadaa Rabbii Gooftaa banii maraa ka kiruubeeliin irra taa'u achii fidan; ijoolleen Eeli'ii lamaan Afiniinii fi Finihaasillee saanduuqa waada'aa woliin achi turan.


Waan inni ijoollee isaa waan hamaa hojjattee innillee argee waan irraa hin dhooggineef, waan cubbuu isaatiif baraa haga bara baraa akka isa irratti murteessu isatti himeera.


Wonti kun akka malkata sii ta'u ijoolleen tee lamaan Afiniinii fi Finihaas guyyama tokko du'an.


woggaa keessatti harka sadihii dhiirti mana keetii maruu, Rabbii Gooftaa afo'otti haa mudhatuu.


Kanaan maayessa, «Ayyaanni wogga wogga'aan Seelo'otti Rabbii qophaayu hin jira» jedhanii yaadan; Seeloon Beeteeliin irraa gara kaabaa, Laabonaa irraa gara kibbaa, karaa gara baya biiftu'uutiin Beeteelii fi Seekeemiin jiddu'utitti argamti.


Haati isaa hennaa ciincaa Rabbii ciinceessu'uuf wogga wogga'aan abbaa worraa ufii woliin baatu, uffata laafaa mishaa talbaa irraa hojjatame isaa fiddi turte.


Obboleessi Ikaaboodii ilmi Akixoobii, ilmi Finihaasii, ilmi Eeli'ii ka Seelo'otti gadicha Rabbii ta'e Akiyaanillee Efuudii uffatee isa woliin jira; baniin akka Yoonaataan isaan biraa deeme hin beenne.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite