Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Kitaaba Saamu'eelii ka 1ffaa 1:11 - Kitaaba Woyyuu

11 Haannaan, «Yaa Rabbi Gooftaa banii maraa! rakkinna garbittii teetii yoo yaadatte, yoo na hin irraanfanne, yoo ati ilma dhiiraa tokko naa kennite ani ammo bara jireenna isaa maraa mullaaciin mataa isaa irra hin geettu dabarsee sii kenna» jettee woreega qabde.

Gade chapit la Kopi




Kitaaba Saamu'eelii ka 1ffaa 1:11
25 Referans Kwoze  

Ulfooftee ilma dhiiraa deettaa; daa'imni garaa haadhaatii jalqabee nama ayyaantuu Rabbiif fooyame ta'aa; mullaaciinillee mataa isaa hin haadin; inni worra Israa'elii worra Filisxeemii harkaa baasuu jalqabaa» isi'iin jedhe.


«Bara Rabbiif adda uf baasu'uuf silatii qabe san irraa jalqabee haga barri inni Rabbiif adda uf baase sun raawwatamutti mataa akka hin haadanne inni woyyuu ta'a; mataa ufiillee hin guddifata.


Kanaafuu Rabbi worra gowwa'atti hin gammadu; hennaa Rabbii waa kennu'uuf woreega galte waan woreega galte san dafii raawwadhu.


Liyaan ulfooftee ilma deettee Roobeel jettee itti baafte; «Rabbi rakkinna kiyya argeera; ammaa achi abbaan manaa kiyya na jaalata» jette.


Rakko'oo fi dadhabbii kiyya laali; cubbuu kiyya maraa naa dhiisi.


Ganamaan ka'anii Rabbii haga sagadaniin maayessa gara mana ufii Raama'atti deebi'anii galan; Hilqaanaan haadha manaa ufii Haannaa bira geennaan Rabbi isii yaadate,


Rabbi Raaheeliin yaadatee kadhaa isi'iillee dhagayee gadaamessa isi'ii baneef.


Yooftaaheen, «Ati dhugamaan ijoollee Amoonii akka mooyadhu yoo na gargaartee,


Barri inni Rabbiif adda baye sun woyyuu ta'a.


Achiin maayessa Yaaqoob akkana jedhee silata qabe «Rabbi na woliin jiraatee karaa ani deemu marattuu yoo na eege, waan nyaadhuu fi waa uffadhu yoo naa kenne,


maal laataa Rabbi rakkoo kiyya argee bikka abaarsa ilma Biiniyaamii Rabbi waan mishaa naa godha ta'a» isaaniin jedhe.


Hennaa san worri Israa'elii Rabbiin, «Yoo kanniin dabarsitee harka keennatti nuu kennite qachaa isaanii maraa hin balleessina» jedhanii silatii qabatan.


gadichi tokko ciincaa cubbu'uutiif; ka lammeesso'oo ammo ciincaa ciincawuuf dhiyeessa; namichi reeffa tuqee uf batteessu'uun waan cubbamaa ta'eef guyyaa san araara godheefii isa woyyoomsa.


Baniinillee hin amane; akka Rabbi ijoollee Israa'elii tooyatee rakkinna isaaniillee arge haga dhagayan gad jedhanii Rabbii sagadan.


Rabbi Noohii fi worra markaba keessaa, busaawa'aa fi horii maraa yaadate; akka qilleensi lafa irratti bubbisu godhe; bisaanillee dhidhachuu jalqabe.


Isiin sababaa gadda onnee isi'iitiin mararamtee booya'aa Rabbiin kadhata'aa turte.


Akka kanaan Haannaan hennaa Rabbiin afo'otti kadhaa dheeressite Eeliin afaan isi'ii laala'aa ture;


Haannaan garuu hin baane isiin abbaa worraa ufiitiin, «Ani yoo daa'imni harma gu'e fidee Rabbii kenna bara jireenna isaa maraa inni achuma tura» jetteen.


kadhaan ani Rabbiin kadhadhe akka inni mucaa kana naa kennuuf; Rabbillee akkuma ani isa kadhadhetti mucaa kana naa kenne.


Anillee kunoo Rabbii kenne, bara inni lubbu'uun jiru maraa inni ka Rabbiiti» jette.


Eeliin Hilqaana'aa fi haadha manaa isaatiin, «Bikka isiin kennaa addaa kana Rabbii kennite dubartii tana irraa Rabbi fiixaa sii haa kennu!» jedhee isaan eebbise; Achiin maayessa isaanillee gara mana ufii deebi'an.


«Ilma kiyya! ilma gadaamessa kiyyaa! ilma woreega kiyyaa;


«Ijoollee Israa'eliititti akkana jedhii himi; namni kamuu yoo Rabbii nama kennu'uuf silatii qabe waan gatii nama sanii akkuma ati bikkitetti haa kennuu.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite