Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Kitaaba Saamu'eelii ka 1ffaa 1:10 - Kitaaba Woyyuu

10 Isiin sababaa gadda onnee isi'iitiin mararamtee booya'aa Rabbiin kadhata'aa turte.

Gade chapit la Kopi




Kitaaba Saamu'eelii ka 1ffaa 1:10
22 Referans Kwoze  

Kanaafuu afaan kiyya hin cadhisu; hafuuraan dhiphadhee dubbadha; mararamuu lubbuu tiyyaatiin gaddaan gunguma.


Inni garaa ufii keessatti guddisee hucuucamee faateffata'aa ture. Fuuruun isaa akka dhiigaa lafatti coccophe.


«Ani jireenna kiyya guddisee jibbe; uf gad dhiisee gadda kiyya himadha; lubbuu tiyyaan mararamee dubbadha.


Inni na waamata, anillee isaa deebisa, hennaa rakkinna isaallee isa woliin ta'a, isa oolcha, hin kabajjaan.


Inni hennaa lafa tana irra jiru laagaa gudda'aa fi imimmaaniin faate'een, kaawwaniillee kadhachu'uun gara Waaqa isa hambisuu danda'uutitti dhiyeesse. Gadi uf qabee waan ajajameef Rabbi kadhaa isaa dhagayeef.


Ati akka dubartii ijoollumma'atti heerumtee gatamtee abbaa manaa jalaa baatee gadditeeti; Rabbi Waandhi kee garuu deebi'ee dhufee ufitti si waamee akkana siin jedha.


Baniin maruu gara Beeteelii dhaqanii achitti haga galgalaa Rabbiin afoo taa'anii laagaa ufii ol qabatanii booya guddaa booyan.


Hidda hadhaayaa na nyaachise; hadhooftuu na quubse.


Banii Yihuuda'aa! waan mootii Iyyoosiyaasiitiif hin booyinaa'a; du'a isaatiifillee hin gaddinaa'a; garuu ilmi Iyyoosiyaasii Shaaluum gara hulee lamuu hin deebinee waan isa fidaniif, biyya itti dhalatellee deebi'ee waan hin argineef; isaaf mararama'aa booyaa'a.


Eeganaa ani maal jedha? Inni natti himeera; isumatu kanallee godhe; Waan dhiphinna lubbuu tiyyaatiif; umurii kiyya maraa kasooma'aa jiraadha.


Hennaa rakko'oo na waami; si oolchaa atillee na kabajjitaa.»


Akka hafuura baafadhu na hin dhiisu; Garuu waan hadhaayaa na quubseera.


«Yabo'oo akka ani si afo'otti garaa kiyya guutu'uun jiraadhee fi akka waan si gammachiisu godhe san akka qaabattu si kadhadha!» jedhee mararamee booye.


Isiin ammo «Waandhi maraa danda'u jireenna kiyya waan hadheesseef, ‹Maaraa› naan jedhaa malee ‹Nuhaamiin› jettanii na hin waaminaa'a;


Yoo dhagayuu diddan garuu ani waan uf jajuu keessaniitiif dhokadhee booya; baniin Rabbii booju'uun waan fudhatameef ani mararamee booya; imimmaan kiyyallee hin qooru.


Haga dubbatee fixeen maayessa hennama san ijoolleen mootichaa laagaa ufii ol qabanii booyan; mootichinii fi hojjattoonni mootichaallee guddisanii booyan.


Gara raasaa «Axaadii» ka Yoordaanosiin gamaa dhufan; achitti haga guyyaa torbaa booya guddaa booyaniif.


Kuusi akkuma yeyyiin ilmooleen isi'ii yoo jalaa fudhatamte hamaa taatu akkasuma abbeetii fi namoonnillee, hammeeyyi'ii fi jajjabaa akka ta'an hin beetta; abbee loltuu jabaa waan ta'eef loltoota woliin akka hin bulle hin beetta.


Gaaf tokko Seelo'otti ciincaa dhiyeessanii haga nyaatanii dhuganiin maayessa Haannaan kaatee dhaabatte; hennaa san gadichi Eeliin balbala mana woyyuu Rabbii bira barcumaa irra taa'eera.


Haannaan, «Yaa Rabbi Gooftaa banii maraa! rakkinna garbittii teetii yoo yaadatte, yoo na hin irraanfanne, yoo ati ilma dhiiraa tokko naa kennite ani ammo bara jireenna isaa maraa mullaaciin mataa isaa irra hin geettu dabarsee sii kenna» jettee woreega qabde.


Garaan maruu gadda hadhaayaa ufii hin beeka; eennullee ka gammachuu isaa irraa qoodamu hin jiru.


Raaheel Yaaqoobiif akka ijoollee hin deenne haga uf beette obboleettii ufiititti hinaaftee Yaaqoobiin, «Finna naa kenni, yoo naa hin kenninee ani hin du'a» jetteen.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite