Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Zekaria 9:12 - KITAABA WAAQA

12 Isani worri boojiani, ka amma abdi qabu, lafa teesani ta soda womatu inqamneti deebia. Anini ammatana isaniti hima, gaargala isani gaargaltani, eebaani maro lama isaniti deebisa.

Gade chapit la Kopi




Zekaria 9:12
23 Referans Kwoze  

Jennaani eegi Ayubuni jaalani isa taani sadeeni Waaqa kad'ate. AABBO Waaqi ammalle isa horsiise, waan inni duri horate kaani ch'ufa ira harka lama kenneefi.


Ch'eerafi fokoni teesani ya hobaate. Lafa teesani keesa teetani hormaata keesani maro lama isanii darani, gammadi keesanileeni ka jiru jireennaa taha.


Duuba waan lamati jira, ta injijiramneefi ta Waaqi dandae irati inkiyyimne.


AABBO Waaqi waan jed'u, gumiini tiyya lalabde waan jettu, AABBO Waaqi yayu d'uga nuu galche, koota, worra Yerusalemu d'anne, waan Waaqi keenna nuu tolche iti himna.


Abdiini injirti, aka takaa tana ilmaani tante worra ufiti galtu. Nami dubbi tana jed'e ana, AABBO Waaqa.


AABBO Waaqi dansa; guyya gaargala gumi ufii jabeese qorqorata; nama qarqaarsa isa ira fed'atu ch'ufa inuma tissa.


Anini oobru isii ta zabibu isii deebise Bale Gaargala garagalche balbala abdi tolcha. Isiini achiti dubbi na jalaa qabdi, akuma gaafa kaima, ka isiini lafa Misiri keesaa baate na jalaa qabde kaani.


Gumi Yerusalemu dubbi dansa iti dubbad'a. Waan jettaniini, gaargali keesani guddaani ya hobae, daba keesani amma la isanii araaramani. Anini maro daba keesanitifi yayu guddo isani gaargalche.


AABBO Waaqi Sioni ira mandie lalaba; qonqo isaa Yerusalemu keesati d'agayani; lafafi gubbaleeni chochoote. Ammo inni gumi ufii jabeese, worra Israeli qorqorata.


Duuba Waaqi waan nani jed'e, Namicha, worri Israeli akuma lafele tana jira. Worri waan jed'u, Nu yayu gogonne, ufi jibbaanne, waan iti yaanule wollaale.


Atileeni Yerusalemu, fulla Waaqi aka tissitu gumi ufii tissu, deebite dira gudda taate, guddinnileeni kanke taha.


Ee Yerusalemu, kai awaara gingilafad'i, barch'uma kanke ka hayyuma ira tai. Ee worra Sioni ka boojiani, sansalata isaniini hid'ani ufiraa fura!


Ee, guyyaani ind'ufa, ka nami woi eegu gaareeni Efraimu iraa iyye waan jed'u, koota gara AABBO Waaqa keenna, Sioniti nu yaasa.


Nami fulla Ekhera jiru tokoleeni dandae si infaarsu, ekheraani dandeete si d'ugeefatte si inabdattu.


Ammalle anini waan jara hid'aansa keesa jiruni jed'u, Ga baha! Worra dukana keesa jiruleeni waan jed'u, Ifsaati ga baha! Worri akuma hooliye gaareeni gubba oole, adaala kubii ch'ufa ira d'eeda.


(Nami Babiloni keesaa baqate Yerusalemu d'ufe waan jed'u, AABBO Waaqi keenna ya worra Babiloni haalo baafate, waan worri nama Waaqa qulqullo balleesefi.)


Abdiini tuni jabduu aka male nu jabeesiti. Isiini jabdufi d'uga, ammalle golla Mana Waaqa ka gubba jiru keesa seenti, haga Fulla Qulqullo.


Waaqi worra lafa mohatu suni boola keesati wolti guure hid'a. Inni booluma keesati worra lakisa, haga guyyaani worra gaargalchani gahuti.


Abdiini Israeli siuma; nami gaargala keesaa nu baasu si male injiru. Atini maafi lafa teenna keesati keessuma karaa deemtu, ta halkani toko ch'alla worra namaa bulte, fakaata?


Ee AABBO Waaqa, atini irre tiyyafi jabeenna kiyya; nami guyya gaargala na qarqaaru siuma. Gochiti muumme lafati d'ufte waan siini jettu, Ababooti teenna waaqa d'ara, ka harkaani boch'ani, ka woma nama imbaane ch'alla gula yaate.


Ee AABBO Waaqa, nami Israeliini abdatu sii, nama si lakisu ch'ufa inch'eersani. Worri akuma maqa d'uke keesati t'aafani bada, waan si AABBO Waaqa, bisaani madda jireenna lakiseefi.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite