22 Nama heddufi gochiti jabeenna qabdu Yerusalemuti d'ufte eeba iraa fed'atti.
Nami dira toko keesa jiru waan worra dira d'ibitini jed'u, Koota, woliini yaane, AABBO Waaqa kad'anne eeba iraa fed'anna.
Nami lafa ch'ufti ifsa isaatiini deema, hayyooti lafa ch'ufti durooma ufi dira sunitiini d'ufti.
Eennuti sii insodaanne Aabbo? Eennuti maqa kanke inguddimne? Si ch'allati qulqullo. Gochiti ch'ufti d'ufteti si guddiftu. Maro huji tante ta d'uga, ta nami ch'ufti arguutiifi.
Gaara kana irati inni golla dumansa, ka gosa ch'ufa gubba tau, iraa fuud'e balleesa.
T'aafiini, aka Waaqi d'ugefachaani gosa d'ibi d'uga hereguufi duru argite, jennaani t'aafiini Odu Dansa duriyu Abrahamu barsiifte waan jette, Maro teetiifi Waaqi nama lafa jiru ch'ufa eebisa.
Anini gosa ch'ufa imballeesa, duuba waan worri qabu ch'ufa armaani d'ufani, anini Mana kana horiini guuta.
Inni gosa woldiddu wolti araarse, nama jajaba lafa fagotiifi ka lafa d'io woltiini d'ufa. Worri goraade ufii maraasha tumate woraana haamtu tolfata. Gochiti deebite woraanaani wolinhaatu, deebiani waan lola baratani wolinhad'ani.
d'uga qabdani aka maqa kiyyaani kad'attani. Duuba gochiti ch'ufti, Nuu eebisi nani jette na faarsiti.
Jila baatitiifi ta Sabato ch'ufa nami gosa ch'ufaa wolti bahe arma Yerusalemu keesati na kad'ata.
Isani gosa qara imbeenne yaamtani; worri qara isani imbeekhu ammo amma tana orie gara keesani d'ufa! Waan kana ch'ufa ana, AABBO Waaqa keesani, Waaqa qulqullo Israeliti, tolche, anini ulfinnaafi guddinna isanii kenna.
Takaa tana gaari Mana Waaqaa irati jaarani gaara ch'ufa ira d'eerate kubile ch'ufa bira dabra. Gochiti hedduuni aka biyye tana iti yaate,
waan jettu, koota, gaara AABBO Waaqaa olkorre, Mana Waaqaa Yakoboo d'anna, aka inni kara ufii nu barsiise, nu daandi isaani gula yaanu. Wonti akanatiifi dubbini AABBO Waaqaa Yerusalemu keesaa baati, Seeri isaaleeni Sioni iraa d'ufa.
AABBO Waaqi waan nani jed'e, Anini huji jabdu sii kennu qaba, hojatu tiyya. Atini worra Yakobo galchite, worra Israeli ka hafe guddinnati deebifte; ammo hagasi ch'allaniti, anini ifsa gosa ch'ufale si tolcha, aka akasiini lafti ch'ufti baafama kiyya argattu.
AABBO Waaqi guddaani waan gumi ufitini jed'u, Anini gosa ch'ufa akheekha agarsiise harkaani yaama, duuba worri ilmaani teesani ta dubraatifi ta d'iirale baate worraa keesani galcha.
Lafa Misiri, bineensa hama ilaadu keesati galu suni, fakeesi woi iti himi; ammalle gosa d'ibi, ta koromifi yabbiye fakaatu tana jabeesi woi iti himi, haga worri ch'ufti gajed'e qarsi sii baasuti. Worra woraanani yau kana firfirsi lafa ch'ufa keesaa balleesi!
iti yaate waan jettu, Koota, gaara AABBO Waaqaa olkorre Mana Waaqa Yakobo d'anna, aka inni kara ufii nu barsiise, nu daandi isaa gula yaanu. Wonti akanatiifi dubbini AABBO Waaqaa Yerusalemu keesaa baati, seeri isaaleeni Sioni iraa d'ufa.
Jennaani nami gosa Yerusalemu haate ka iraa hafe, ganna ch'ufa achi yae AABBO Waaqa Gudda aka hayyu kad'ate jila Hoosa tolfata.