Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Zekaria 8:16 - KITAABA WAAQA

16 Woni isani tolchu maltani kana: D'uga wolti dubbad'a, fulla gaadisa qorsuma d'uga gula woi qora — d'uga ta nagayaani d'uftu.

Gade chapit la Kopi




Zekaria 8:16
29 Referans Kwoze  

Iti deebitani inkiyyibiina duuba! Nami ch'ufti ha oboleesa ufiti d'uga dubbatuuti; wonti akanatiifi nuuni ch'ufti nafa Kristo keesati mita.


Anini duri waan gumi tiyyaani jed'e, D'uga jabeesa, wolqarqaara, wolinaha,


Nama wollaala inqamne, ka waan qajeeltu ch'alla tolchu, ka dubbi d'uga ch'alla dubbatu,


Waan anini jed'u, Guyyaani ufi agabsani ka jia afreesotiifi ka shaneesotiifi ka torbeesotiifi ka kud'anneeso garagale jila gammadafi qilit'ama worra Yudati taha; tanaafi d'ugaafi nagaya jaalad'a.


Jabeenni inni namaani fidu inhobau, lafti inni fidu yo ch'ufa nagaya qabdi. Inni barch'uma Daudi, ka hayyuma, ira tae nama fida; inni d'ugaafi qajeelumaani nama fida, haga ammatiifi haga hegerile. AABBO Waaqi guddaani waan suni guutu male illakisu.


D'arti yoosu dabarti, ammo d'ugaani haguma jirtu indabartu.


Nami d'uga dubbatu dubbi jirtu d'ugeesa, ammo ka d'ara dubbatu dubbi injirre d'ugeesa.


Ammo nama daafanafi kiyyibafi hamafi nama nama ijeesufi algalaafi ka murma baafatufi ka waan harkaani boch'ani guddisuufi ka nama sobu, fullaani worraa galaana ibidaati, ka duisa lameeso.


Akanaani nami tokoleeni oboleesa ufiti dabe waan isaa iraa imfud'atiini. Nu waan kana qara isaniti himne, ya isani guddo gorsine, aka Aabbooni worra waan akana kana tolchu balleesu.


Maqa Aabbootiini anini waan kana jabeese jed'a: aka worra Waaqa imbeenne, ka qalbiini worraa woma imbaanne,


Ayyaana worra nagaya tolchu: ilmaani Waaqa jed'aniini!


Dureeyyiini teesani hiyyeesa dabsite, nami keesani ch'ufti d'ara dubbate, arabi worraleeni nama soba.


Hiyo akasiniti; AABBO Waaqi waan dansa nu tolchuu malle ya nuti hime. Wonti inni nuraa fed'u tana: aka waan d'uga qajeeltu tolchani, jaalala ind'umanne nama garsiisani, ufi saadu lakisani Waaqa woliini taani.


Fulla sirba suni, d'ugaani ha aka lola yaatu, qajeelumtileeni ha aka galaani hojja ch'ufa yau yaatu.


Waan hamtu jibba, waan dansa jaalad'a, fulla gaadisa korati d'uga jabeesa. Hegeri AABBO Waaqi worra gosa Yusufu, ka armati hafe, innahaafi.


Woma inhatina, yokhaani namale insobina, d'arale wolti indubbatiina.


Wonti AABBO Waaqi jed'u tana, waan d'ugaatifi ka qajeela tolcha; nama dabsani harka nama dabsu jalaa baasa. Nama gosa d'ibitifi hiyyeeyifi nad'eeni hiyyeeyile gaargalchitani indabsina; ammalle fulla qulqullo tanati nama woma iyyakini infit'ina.


Inni beese namaa liqeese tirfi iraa ibarbaadu. Inni waan hamtu intolchu, yo nami wold'abule d'uga gula dubbi mura.


AABBO Waaqi guddaani waan jed'e, Hayyoota Israeli, isani bara heddu ch'ubbu tolchitani! Ule isani nama d'aantanifi daba isani nama dabsatani suni lakisa. Waan d'ugaatifi ka qajeela tolcha. Deebitani gumi tiyya lafa isaani keesaa ingussina, nami dubbi tana isaniini jechu jiru ana, AABBO Waaqa gudda.


Nami lafa Israeli keesati hafe waan hamtu nama intolchu, d'arale dubbate nama insobu. Worri, ka woma insodaanne, marrafi bisaani aka dansaa soorate quufa.


Ammalle anini waan jed'u, Anini dira kiyya qulqullo Yerusalemuti deebie keesa taa. Isa dira d'ugeefatani jed'aniini, gaara AABBO Waaqa Guddaa, gaara qulqullo jed'aniini.


AABBO Waaqi nama d'ugaa qajeela ilaale, hojja worri isa yaamule jalaa owaata;


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite