Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Zekaria 6:6 - KITAABA WAAQA

6 Gaariini fardooleeni guguraatiini hirkiftu mirga qajeele, ka fardo borora ila galchu qajeele, ka fardo daamicha bita qajeele.

Gade chapit la Kopi




Zekaria 6:6
14 Referans Kwoze  

Jennaani anini oli millad'e, dumansa bokaya gudda mirgaa d'ufu arge. Dumansa suni keesa angaasuuni bibilit'e, lafti ch'ufti guyyaate. Fulla angaasuuni suni baatefi waan toko ka aka sibiila diima bibiliqati jira.


Wonti lafafi gubba jira ch'ufti gammade qilit'amti; hojja worri mirgaa d'ufu Babiloni dabsate balleesu.


Worra Benjamini, baqad'a, lubbu ufi baasa! Yerusalemu keesaa baqad'a! Tekoa keesa magalata d'aa, Beth-Hekeremu keesa goola ibidaa old'aaba. Waan hamtufi badiini gara mirgati d'ufuu jirti.


Kara Sioni woli akheekha! Hurrisa, achiti baqad'a, lubbu teesani baasa! AABBO Waaqi hameennaafi badi gara mirgati d'ufuuni jira.


Gaafa muummeeni geete hayyuuni lafa bitaa d'ufe isa had'e, hayyuuni mirgaleni fardafi gaari fardi hirkisufi hobolooni d'ufe isa ufi ira had'a. Inni akuma bisaani faach'aani, lafa fud'atani lafa heddu fud'ata.


anini gosa mirga teetu ch'ufafi hojatu tiyya Nebukadreza hayyu Babiloni yaame, lafa tanaafi nama isi keesa taufi lafa d'aatu jirtu ch'ufa haasisa. Anini gosa Yuda tanaafi gosa worra d'aatu teetule balleese lafa worrale haga jiru jireenna onse waan nami hojja qaabatu ch'ufa iraa rifatu tolcha. Nami dubbi tana jed'e ana, AABBO Waaqa.


hayyuuni mirga kaani d'ufe isa had'a, ammo taatule hayyu suni dabsatani lafa Isati galchani.


Kunini guyya AABBO Waaqa guddaa, ka inni haalo baafate, nyaapa isaa balleesu. Goraadeeni isaa worra nyaatte, d'iiga worraa d'udde quufti. Arra AABBO Waaqi guddaani sorio mirga d'aatu galaana Fratiti qaqala.


Jennaani Ilmeeni Hoola beesisa sadeeso ch'absite. Ammalle waan lubbu qaba kaani ka afreeso, ka kooti naani jettu d'agaye. Anini millannaani farda guraacha toko arge. Nami isa yaabatu waan woiini biimani harka qaba.


Anini mirgaani, worra gad'iisi jed'e, bitaleeni galakisi jed'a. Ilmaani tiyya, ta lafa fagoo muumme lafa ch'ufa jirtu, naa galcha.


Tunini d'aamsa AABBO Waaqi waan bineensa lafa aloo ka bita d'aamate: worri ergani sunini lafa d'ipufi gaargala gudda qabdu keesa deema, ta nyeench'afi bofafi jaweeni aka male oriitu iti galtu. Worri harreefi gaala miha dadansa iti fae, gosa worra qarqaaru indandeenne geese.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite