1 Anini ammalle olmillad'e, maro tana gaari afuri, ka jiddu gaara sibiila daalacha lama gabahu, arge.
Gaafi afrani, eegi gaafi qara kaani ch'abse bahe lafa hayyooti fidde, ta lafti iti gargari qoodamte, jabeenna qara kaani d'abde garsiisa.
Waan ch'ufa fed'i herega Waaqa gula tolchani ammalle Waaqi fed'i ufitiini Kristo keesa nu fohate nama ufi nu tolfate, herega isaa ka qara kaani gula.
Worri wold'aqe aka waan ch'ufa ka atini harka kanketiifi fed'i tantetiini qara buufatte tolchani.
Isiini waan naani jette, Kunini qilleensa afuri, ka ammumatana abba lafa ch'ufa iraa d'ufe.
Anini ammalle olmillad'e, maro tana woraqata barisu arge.
Inni nama lafa keesa jiru ch'ufa womatu indaru, malaikaani gubbatiifi nami lafaleeni ch'ufti finna isaa jalati bula. Nami woi isani morme, Atini maani taata? jed'e gaafatu injiru.
Ammo hundafi hidda lafa keesati hambisi, hunda isaa suni sibiila guraachafi diima iti kayi hid'i, lafuma keesati buuyooni woliini lakisi. Duuba ha fiit'eesi isa jiisuti, ha bineensafi buuyo woliini tauti.
Anini Waaqa, haga jiru jireennale Waaquma. Nami tokoleeni, ka irre tiyya jalaa bahu injiru, nami waan anini tolchu dandae jijiru injiru.
Yo AABBO Waaqi si jibbe, wonti tokoleeni ta atini qarqaarsa iraa argattu injirtu, qarooma taanaani, beekha taanaani, malalle taanaani.
D'ugaani tante akuma gaara d'eerati; d'ugaani atini qorte woini murtuleeni haga d'immu baariini gadi fagaati. Namaafi horileeni harkuma kanke keesa jira.
Ammo mali isaa haga jiru jireenna taa, heregi isaaleeni haga jiru jireenna jira.
Yo Waaqi ch'allise, eenuti dandae waan isa dubbata? Yo inni fuula d'ofate, eenuti dandae isa arga?
Inni hiyyeeyi awara keesaa fuud'e, nama laafa woma inqamne fulla daara iti harani keesaa baasa. Inni worra suni worra gugurda woliini teesise barch'uma guddinna kennaafi, yayabi lafaa ka AABBO Waaqati, inni isii irati waan ch'ufa jaare.
Waaqi herega ufi ka hegeri gula waan kana tolche, ka inni Kristo Yeso Aabbo keennaani guute.
Jennaani inni Waaqa kad'ate waan jed'e, Ee AABBO Waaqa, ila isaa bani ha arguuti! AABBO Waaqi kad'acha isaa d'agaye, jennaani hojattuuni Elisha olmillate fardaafi gaari ibida ka gaareeni gubba Elisha marse ch'iisu arge.
AABBO Waaqi ibidaani d'ufe, gaarini inni yaabatu aka bubbe utaale, inni nama iti dallane gaargalcha.
Me ilaala, nyaapi aka baaldo dumansaa d'aabate d'ufuu jira. Gaarini isaa ka fardi hirkisu bubbe fakaata, fardooleeni worraleeni risa ira barifti. Nu ya banne, badiini ya nu qabate!