Zekaria 5:4 - KITAABA WAAQA4 AABBO Waaqi Guddaani waan jed'u, Anini woraqata abaarsa ira t'aafani kana lafa keesa erga; duuba inni mana hattu ch'ufafi ka nama waan d'ara kakhatuti seene, mana suni keesa tae, balleese gargari jissa. Gade chapit la |
AABBO Waaqi Guddaani waan jed'u, Anini qorsumafi isaniti d'ufa, ammalle anini maruma toko worra falfala tolchu taanaani, d'iirafi nad'eeni aada male wolti yaatu taanaani, nama d'ara d'ugeesu taataanaani, ch'ubbicha nama hojattu isaati hori baasu didu taanaani, nama haad'a hiyyeesatiifi hiyyeeyi dabsu taanaani, nama keessuma ulfeesu didu taanaani, ammalle nama ch'ufa ka na insodaanne, d'uga intahuufi.