Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Zekaria 2:13 - KITAABA WAAQA

13 Nami ch'ufti AABBO Waaqa durati ch'allisa, wonti akanatiifi inni Mana ufii qulqullo keesaa kae d'ufuu jira.

Gade chapit la Kopi




Zekaria 2:13
26 Referans Kwoze  

AABBO Waaqi Mana ufii qulqullo keesa jira: nami lafa keesa jiru ch'ufti ha isa durati ch'allisuti.


Guyyaani AABBO Waaqaa yad'iaate, guyyaani inni wo tolchu; duuba isa durati indubbatiina, ch'allisa. AABBO Waaqi kurfefachuu jira, aka gumi isaa aka aka sorio qaqalu.


Waaqi ka mana ufii qulqullooti galu, inni abba hiyyeeyi tahe haawaani isiile qorqorata.


AABBO Waaqi waan jed'u, Diquma na eega, guyya anini kae gosa ch'ufa himad'u eega. Anini ya kutad'e, aka gosa ch'ufa wolti yaame dallansu tiyya ira buusu. Lafti tunini ch'ufti dallansu tiyyaani baddi.


Jennaani duuba eege, AABBO Waaqi lafaa kae, aka nama jaba daad'i d'uge iyye lafa gaargalche.


Ammo, atini eennu kana, ka Waaqaani akana jettu? Eeleeni faara nama isi d'aeeni, Maafi akana na d'oofta injetti?


AABBO Waaqa, kai, nu qarqaari, harka keetiini nu baasi, akuma atini duri tolchite. Nami goorjama Rahabu jed'ani gargari ch'ire siiniti?


Inni waan jed'u woli had'u lakisa, aka anini AABBO Waaqa beekha. Gosa ch'ufafi lafa ch'ufa keesaleti na guddisani.


AABBO Waaqi Mana isaa qulqullo keesa taa; barch'umaani isaa ka guddinna gubba jira. Inni ila ufiitini nama ch'ufa ilaale, waan worri tahu beekha.


Fulla tante qulqullo ta gubbati gadi laali, worra kanke ka Israeliti eebisi; ammalle lafa atini ababoota teenna kakhate nuu kennite, ta aananifi dammi aka lola yau jed'ani eebisi.


Nu imbeenna aka wonti Seeri jed'u ch'ufti waan worra Seera jala jiruuni jed'ani, aka malte nama ch'ufa d'owani lafa ch'ufaa qorsuma Waaqa duraani d'ufani.


Yeremia, atini waan anini jed'e kana ch'ufa worrati himi, waan jettuuni: AABBO Waaqi gubbaa itane, gara inni tau ka gubbati mandia. Ammalle gumi isati itane, aka nama zabibu ch'ach'arasu iyya. Nami lafa keesa jiru ch'ufti isa d'agaye,


Ee AABBO Waaqa, gubbaa fulla atini qulqulloomafi guddinna keetiini teetu, nu ilaali. Atini maanifi nu yaalu didda? Irreeni tante meeti? Naasufi jaalalti tante meeti? Nu inded'ini.


Anini Waaqa gudda, qulqullo, haga jirule tau. Anini gubba fulla qulqullo taa, ammo nama ch'ubbu iraa deebie ufi diqeesule woliini taa, aka akasiini garaa worraa jabeese abdi kennuufi.


Isani mukha woyyu jaalati woli d'araatani woli bira raftani. Isani ijoolle teesani goda d'akhaatifi bale keesati sorio baaftani.


Jennaani qaaloleefi worri Lawi oli ejaanje gumi eebise; Waaqileeni gubbati kad'acha worraa d'agayeefi.


Waaqi waan jed'u, Isani worri lafa fago, ch'allisa, na ch'aqasa! Waan dubbachuu feetani kurfefad'a; koota, dubbad'a. Koota, wolwoldeenne, nama d'uga qabu ilaala.


Yo isani garaa keesani keesa dubbi AABBO Waaqi injed'ini, Nu akamiini beenna jettani, aki isani beettanini kana:


Yo raagi maqa AABBO Waaqatini dubbate, dubbini isaa d'ugaa intahini, dubbini sunini ta AABBO Waaqatiiniti raagi sunini matuma ufiitini dubbate, tanaafi isa insodaatina.


Gochiti hedduuni worra Israeli qarqaarte, lafa AABBO Waaqi worraa kenneti deebifte, duuba achiti gochiti sunini tisse worra Israeliti taati. Worri duri worra Israeli boojie, amma worra Israeliti boojie, worra qara worra dabse mohata.


Guyyaani ind'ufa, ka worri Misiri aka nad'eeni wo sodaate, hojja AABBO Waaqa gudda, ka harka ufi d'eerefate worra d'aanu argu, mudame hollatu.


Yo anini d'uguma Waaqa Israeli taate, anini worra Moabutiifi ka Amoni akuma Sodomafi Gomora balleesani balleesa. Lafti suni doobifi boola soodda taate haga jirtu badi. Nami kiyya ka hafu worra suni saame lafa worraa fud'ata.


Zerubabelini nama Mana Waaqa kana yayabe, ka hobaasuleeni isuma. Yo wonti kunini taate, gumiini tiyya, aka nami gara worra si erge ana, beeti.


Nami lafa fagooti d'ufe ijaarsa Mana Waaqaa qarqaara. Eegi jaarani, aka AABBO Waaqi Guddaani na erge beetani. Yo isani seera AABBO Waaqa keesani aka dansaa guuttani, wonti kuni ch'ufti intaati.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite