Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Zekaria 14:9 - KITAABA WAAQA

9 Duuba AABBO Waaqi hayyu lafa ch'ufaa tahe, nami ch'ufti aka Waaqa isa guddise maqa isaa ka AABBOTIINI isa beekha.

Gade chapit la Kopi




Zekaria 14:9
35 Referans Kwoze  

Jennaani malaikaani torbeeso magalata ufi d'oofte, qonqooni guddooni gubbaa baate waan jette, Jabeenni lafaani fidani amma ka Aabbo keennatiifi ka Kristo isaati, inni haga hegeri fida.


Jabeennafi guddinna lafa hayyuuni fidu ch'ufa gumi Waaqa guddati kennani. Finni worra ka jiru jireennati, nami lafa mohate ch'ufti worraa hojate saalfatafi.


Duuba anini qalbi nama gosa ch'ufa garagalche qulqulleesa, aka worri maqa AABBO Waaqa ch'alla yaamate garaa tokooni isaa hojatu.


Ee Israeli, d'agaya! AABBO Waaqa keenna male waaqi d'ibiini injiru.


Maqaani hayyu haga jiru imbadiini; guuri isaa haga aduuni jirtu ha jiraatuuti. Gochiti ch'ufti ha isa faarsite, Waaqa kad'ate, Nu eebisi jettuti, worri hayyule ha eebisuti.


Ilaala, intalti dubra garaachoofte ilma deeti. Maqa isa Imanueli baasani. Akasi jechaani Waaqi nu woliini jira jechu.


Gaafa inni hayyu tahu, worri Yuda soda nyaapa jalaa bahe, worri Israelileeni nagayaani taa. Maqaani isaani yaamani AABBO Waaqi d'uga keenna.


AABBO Waaqi guddaani ka si uume d'iirsa si tahe, Waaqi qulqullooni Israeli, ka lafa ch'ufa fidu, si baasa.


Gochiti atini uumte ch'ufti d'ufte, si durati gajette, maqa kanke guddifti.


Tanaafi fulla ch'ufa yaa, gosa ch'ufa nama kiyya tolcha: maqa Abbaatiifi ka ilmaatiifi ka Lubbu Qulqullotini aada batiso namaa kenna,


Gochiti ch'ufti ha gammadde sirbitu, waan atini d'uga gula nama qorte, gosa lafa keesa jirtu ch'ufa qajeelchitufi.


aka akanaani worri Israeli lafa Edomu ta hafteefi lafa d'ibi ta duri nama kiyya dabsatte fud'atu. Nami akasi jed'e AABBO Waaqa, ammalle waan kana isumati tolcha.


Nyaapa AABBO Waaqa imballeesani; inni gubba iti mandia, AABBO Waaqi lafa ch'ufa qore hayyu ufi jabeese hayyu inni fohate dabsachiisa.


Ororooni inni namaani fidu harkaa imbuutu, lichooni hayyumaa worra isaa keesaa imbaatu, haga abbaani damoosa baasanifi d'ufe isa durati gajed'ani saalfatanifiiti.


Inni gaafa d'ufu jabeenna AABBO Waaqatifi guddinna isaatiini gumi ufii tissa. Gumiini isaaleeni nagayaani teeti, waan nami lafa keesa jiru ch'ufti guddinna isaa beekhuufi;


Koota, dubbi teesani gaadisati himad'a; nami dubbi qabu ha wolgaafatuti. Eenuti waan taha kana duri fage? Ana AABBO Waaqaniti? Waaqi gumi ufi baase anuma, ka d'ibiini injiru.


Worri Yerusalemu, ka nyaapa ufii dabsate, gaara Esau had'e mohata. Hayyuuni lafa suni AABBUMA Waaqa taha.


Ammo akuma bisaani baariini guutani, akasuma lafti beekhuma guddinna AABBO Waaqatini guutamti.


Gammada, qilit'ama, worra Sioni! Gammada, lalaba, worra Yerusalemu! Laala, hayyuuni keesani isaniti d'ufuu jira! Inni ka waan ch'ufa dabsate irre guddo qabuti d'ufa, ammo inni ufi insaadu, harre yaabata — bukhura harreeni d'altuni d'alte gubba taa.


Dabdichi ka hori dansa sorio suni male ree ufii keesa qabu, ka hori sorio himmalle naa baase, ha abaaramu. Wonti akanatiifi anini hayyu gudda, ka lafafi nami ch'ufti d'eetu.


AABBO Waaqi lafa fida! Laftileeni ha gammaddu! Lafti afaani baariini jirtu ha gammaduti!


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite