Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Zekaria 14:8 - KITAABA WAAQA

8 Hojja guyyaani sunini gahe, bisaani ch'ulkiini Yerusalemu keesaa yaani, hagi toko galaana ilaboruti yaani, hagi tokoleeni baariini ila galchuti yaani. Bisaani suni hojja roobatiifi hojja bonale ch'ufa yaani.

Gade chapit la Kopi




Zekaria 14:8
18 Referans Kwoze  

Nami na d'ugefatu, aka t'aafiini jettu, garaa isaa keesaa bisaani jireennati yaa.


ammo nami bisaani anini kennu d'ugu haga jiru jireennale deebie ind'eebotu. Wonti akanatiifi bisaani anini kennu suni isa keesa maddani burqa tahani, haga jiru jireennale deebie ind'eebotu.


Yesoni waan jed'eeni, Yo sila atini galata Waaqaa beete ammalle nama bisaani si kad'atu kana beete, bisaani jireenna isa kad'atta.


Gaafasi gaareeni mukha zabibu baaftu daad'iini iraa jidde, kubile aanaani iraa lolaani; lagi lafa Yuda ch'ufti iyyaa. Madditi Mana Waaqa keesaa yaate Bale Shitimuti naqati.


Anini nyaapa awaanisaa, ka mirgaa d'ufe, isani iraa balleese, lafa aloo, ta gogodde woma imbaaneti gussa. Tuuta qara Galaana ilaboruti jisse, ta lameeso baariini ila aduti jissa. Reefi worraleeni ajae shama. Waan worri isani tolche kana ch'ufafi anini worra balleesa.


Worri deebie beelae ind'eebootu. Aduufi owi lafa alooleeni worra woma intolchu. Wonti akanatiifi nama worraa nahuti worraani deeme madda bisaaniti geesa.


Lubbufi intalti fuud'a, kooti jetti. Nami waan kana d'agaye ch'ufti ha kooti jed'uuti. Nami dubbi qabu ch'ufti ha d'ufuti nami fed'u bisaani jireenna ha gati male d'uguuti.


maansi aka ibida bobau kaani haro bisaani tahe, lafti godduleeni madditi. Fulla duri sareeni diida iti galtu buuyofi ilaadufi meelati baha.


aka haga Yerusalemu iti keyatani iraa deebitifi araarama daba maqa isatiini gosa ch'ufati odeesu malani.


Aninileeni hojja ch'ufa isani dura deeme waan dansa isani quubse isani jajabeese fayya isanii kenna. Isani aka oobru bisaani quufte taatani maddo haguma jirtu ingonne fakaatani.


Oobruuni burqa bisaanitini baati, lagi bisaani ka yauleeni bale gaara Lebanoni iraa gabaafata.


iti yaate waan jettu, Koota, gaara AABBO Waaqaa olkorre Mana Waaqa Yakobo d'anna, aka inni kara ufii nu barsiise, nu daandi isaa gula yaanu. Wonti akanatiifi dubbini AABBO Waaqaa Yerusalemu keesaa baati, seeri isaaleeni Sioni iraa d'ufa.


Gaafasi inni Gaara Ejersa, ka Yerusalemu ilaboru, gubba eja. Duuba gaara suni ilaboruti fuud'ani, ila galchuti d'aabani, gargari tarsaasani, bale jiddu baasani, aka gaari sunini gami toko mirga deeme, gami kaani bita deemu.


waan maro gari malaikaani Aabbo haro suni keesa seente bisaani woch'isifitufi, nami fayya inqamne ka eegi bisaani woch'ani qara haro suni seene d'ukuba taatefu infaya.]


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite