Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Zekaria 14:5 - KITAABA WAAQA

5 Duuba isani bale gaara kana gargari kutu keesa baqattani. Isani akuma ababooti teesani duri, gaafa hayyuuni Yuda, ka Uzia jed'ani, lafa fide, lafti chochoote baqatte, baqattani. Duuba AABBO Waaqi kiyya, malaika ch'ufa woliini, gad'ufa.

Gade chapit la Kopi




Zekaria 14:5
30 Referans Kwoze  

Tunini dubbi namicha hori tissu toko ka Amosi jed'ani, ka dira Tekoa. Ganna lama, ka gaafa lafti chochoote dura, ka Uziani hayyu Yuda, ka ammalle Yeroboamuni, ilmi Yoashi, hayyu Israeli, Amosiini dubbi tana, ta waan Israeli dubbattu, daayyani arge.


Guyya Ilmi Nama guddinna ufitiini d'ufu malaika ch'ufa woliini, inni barch'uma guddinna ufi gubba tae,


Ilmi Nama malaika ufi woliini guddinna Abbaatiini d'ufa, duuba nama ch'ufa huji isaa gula waan isaa male kennaafi.


Kara kanaani inni garaa isani jabeese, fuula Waaqafi Abba keenna durati qit'ooftani qulqullo taatani, gaafa Aabbo Yesoni jara isa d'ugefatu ch'ufa woliini d'ufu.


AABBO Waaqi guddaani tassa d'ufe, mandie lafa chochoose, bubbe isaniti erge, ibida lafati kaye akanaani isani baasa.


Jennaani anini barch'uma guddinnatiifi worra ira tatau arge. Jabeenna worri woiini qoru kennaniifi. Ammalle anini lubbu nama, maro worri d'uga Yesoni mulliseefi dubbi Waaqa odeese ijeesani arge. Worri bineensa inguddimne yokhaani akheekha isale, yokhaani beesisa isaa harkafi adda ira inqabu. Worri aka hayyoota tahe, Kristo woliini ganna kunki toko lafa fide.


Hojja suni lafti chochoote, qooda kud'anneeso ka dira hobaasani, nami kunki torba, lafti chochoonaani, raawate. Nami hafe sodaate jabeenna Waaqa ka gubbaa faarse.


Jennaani Hamaani Suni mullate, Aabbo Yesoni hafuura afaani isaatiini isa ijeese, d'ufiisa isaa ka guddinnatiini lafaa isa balleesa.


AABBO Waaqa durati sirbiti, gaafa inni lafa fidu d'ufu. Inni nama lafa keesa jiru ch'ufa d'ugaafi qajeelumani fida.


AABBO Waaqi gad'ufe; aka adu lafa Edomuti bahe, gumi isaa gaara Parani iraa iti ifse. Malaikaani qulqullooni kuma kud'ani isa woliini jirti, harka isaa ka mirga bobaa ibidati jira.


Jennaani anini barch'uma guddinna adi guddafi nama ira taule arge. Lafafi gubbaleeni isa dura baqatte, fulla d'abde.


Isanileeni obsu maltani! Garaa jabaad'a, guyyaani Aabbo ya d'iaate.


Gaafasi Ilmi Nama, ka jabeennaafi guddinnaani dumansa keesa d'ufu argani.


Ato Yesoni gaara Ejersa jed'ani gubba tau, jari isaa koba isati d'ufe waan jed'eeni, Wonti kunini ch'ufti yoomi taati? Akheekhi d'ufiisa kanketitiifi guyya muumme maani? jed'ani gaafatani.


Wonti akanatiifi inni d'ufe lafa fida, inni gosa lafa keesa jirtu ch'ufa d'ugaafi qajeelumani fida.


Gumiini Israeli ta d'aatu jirtu iyyana worra d'ageennaani baqatte waan jette, Baqad'a, aka lafti nule iliqimsine.


Isani gochiti d'aatu jirtu tunini ch'ufti hurrisa koota, artiti wolti baha. Ee AABBO Waaqa, duula kanke ergi, worra had'i.


Wonti guddooni gaara faakataleeni si duraa gorti. Atini Mana Waaqaa deebite jaarta; ammalle akuma atini d'akha eegee gubba keetuuni, biyyiti lalabde, Mana akana mid'aagu, mana akana mid'aagu taka agarte? jetti.


Isani worri Shafiri, qullaa baqad'a, ch'eera. Nami dira Saanani keesa tau keesaa imbahu. Hojja isani boha worra Betheseli d'ageetani, aka fullaani iti baqatani injirre beetani.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite