Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Zekaria 14:16 - KITAABA WAAQA

16 Jennaani nami gosa Yerusalemu haate ka iraa hafe, ganna ch'ufa achi yae AABBO Waaqa Gudda aka hayyu kad'ate jila Hoosa tolfata.

Gade chapit la Kopi




Zekaria 14:16
42 Referans Kwoze  

Jila baatitiifi ta Sabato ch'ufa nami gosa ch'ufaa wolti bahe arma Yerusalemu keesati na kad'ata.


Duuba nami maqa AABBO Waaqaa yaamatu ch'ufti imbaafama. Akuma AABBO Waaqi jed'e, Gaara Sionitiifi Yerusalemu keesale nami baqate fiigu injira; nami fiige suni worra anini fohad'e.


Woya isatiifi miila isaa gubbati maqa isaa t'aafani, Hayyu hayyoota, Aabbo abbooti ch'ufa jed'ani.


Hojja suni lafti chochoote, qooda kud'anneeso ka dira hobaasani, nami kunki torba, lafti chochoonaani, raawate. Nami hafe sodaate jabeenna Waaqa ka gubbaa faarse.


Israeliini ch'ufti kara kanaani baafamti. Akuma t'aafiini jettu, Qarqaarsi Sioni keesaa d'ufa, inni hameenna ch'ufa d'aloota Yakobo keesaa baasa.


Yo qit'a qara bukheesani Waaqaa kennani, yoosi qit'aani ch'ufti ka isaati; ammalle yo hidda mukha Waaqaa kennani, dameleeni tami isaati.


Hojja tanale akasuma: gumi diqo toko ta Waaqi fahateti jira, maro naasu isaatiifi.


Aka nama d'ibi ch'ufaafi nami gosa ch'ufa, ka maqa kiyyaani yaamani, Aabbo barbaadu.


jilti Yahudi ta Hoosa jed'ani d'iaatte.


Nathanielini waan jed'e, Rabbi, atini Ilma Waaqa, atini Hayyu Israeli!


Waan jed'ani, Ee Waaqa hayyu maqa Waaqatiini d'ufu eebisi! Nagayafi guddinni Waaqa gubbaa ha tahu!


Dabdichi ka hori dansa sorio suni male ree ufii keesa qabu, ka hori sorio himmalle naa baase, ha abaaramu. Wonti akanatiifi anini hayyu gudda, ka lafafi nami ch'ufti d'eetu.


Worri deebie fooni d'iiga keesaa imbahini inyaatu, yokhaani waan nami nyaachu himmalliini innyaatu. Nami hafuleeni gosa tiyyati darame balbala gosa Yuda taha. Ammalle Ekroni gosa tiyyati daramti, akuma gosa Yebusi.


Ammo anini, AABBO Waaqi keesani, ka lafa Misiri keesaa isani baase, finna gaafa anini lafa gamoojiti isaniti d'ufe, ka isani waaroti galtaniti, isani deebisa.


Anini nama isii mohatu, jara qaqaroofi jaaroleefi askarti worraale ch'ufa farso iti guure macheesa, worri d'aqe rafa, itumaa deebie lafaa inkau. Nami dubbi tana jed'e ana hayyicha AABBO Waaqa gudda.


Moabufi dira isii ya balleesani, kaima isii dadansa ch'ufa ya qaqalani. Nami dubbi tana jed'e ana, hayyicha, AABBO Waaqa gudda.


Anini, AABBO Waaqi guddaani, hayyu, Waaqa jiru. Akuma gaari Tabori, gaareeni ch'ufa iraa d'eerate, gaari Karmeli galaana ch'ufa iraani mullatu, akasuma nami isani had'u nama irre qabu taha.


Jennaani anini waan jed'e, Anini ya fafae, ya lafaa badde. Wonti akanatiifi arabi kiyya ch'ubbu ch'alla dubbata, nami nu woliini teenuuleeni ch'ubbu male waan d'ibi indubbatu. Ammo amma anini ila tiyyaani yayu AABBO Waaqa hayyu gudda, arge!


Ammalle jila Hoosale aaduma isii gula tolfatani; guyya ch'ufa sorio guyya suni baasuu malani baasani;


Inni ammalle sorio gubani, ta aada Seera Musa gula guyya jila ch'ufa baasu malani, baase. Guyya Sabatotifi guyya jila baatitifi guyya jila sadeeni woga ganna tanale — jila Qit'a bukho inqamne, jila gaafa mid'aani murani, ammalle jila Hoosa.


Nami lafa keesa jiru ch'ufti si kad'ate, si guddise sii faarse, maqa kankele guddisa.


Guyyaani ind'ufa, ka AABBO Waaqi lafa galaani gargari kutu ta gochiti jabduuni irre qabdu keesa teetu, ta nama d'ed'eera nafi qulqullicha, ka nami lafa ch'ufti sodaatu qabdu, woi iraa fud'atu. Worri suni gaara Sioni fulla AABBO Waaqa gudda iti kad'atani, d'ufa.


AABBO Waaqi worra Misiri ufi garsiise, duuba worrileeni isa hubate, isa yaamate, soriofi waan d'ibi isaa baasanini d'ufa. Ammalle worri isati kakhate kakhu suni guuta.


Guyya suni magalata d'aani, worra Israeli ka, qara boojiani lafa Ashurutifi lafa Misiriti geesani, yaamani gadi deebisani. Duuba worri d'ufe gaara isaa ka woyyuma irati, Yerusalemu keesa, AABBO Waaqa kad'ata.


iti yaate waan jettu, Koota, gaara AABBO Waaqaa olkorre Mana Waaqa Yakobo d'anna, aka inni kara ufii nu barsiise, nu daandi isaa gula yaanu. Wonti akanatiifi dubbini AABBO Waaqaa Yerusalemu keesaa baati, seeri isaaleeni Sioni iraa d'ufa.


Duuba AABBO Waaqi hayyu lafa ch'ufaa tahe, nami ch'ufti aka Waaqa isa guddise maqa isaa ka AABBOTIINI isa beekha.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite