Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Zekaria 13:8 - KITAABA WAAQA

8 duuba lafa tana ch'ufa keesa nama sadi keesaa nama lama balleesani.

Gade chapit la Kopi




Zekaria 13:8
34 Referans Kwoze  

Nami keesani hagi toko beelafi d'ukubaani dira keesati hobaa; hagi toko dira keesaa bahe alati goraadeeni gatani; duuba ka hafele gara ch'ufa gargari firfirse, gula deeme goraadeeni balleesa.


Diri guddaani fulla saditi gargari dayae, dira lafa ch'ufa keesa jiru balleesani. Waaqi dira Babiloni gudda qaabate, daad'i mudunu ufi obaase, daad'i dalansu isaa.


Yo sila Aabbooni guyya suni gabaabsu d'ibaate, nami tokoleeni imbahu; ammo maro nama inni fohate suniifi inni ya guyya gabaabse.


Hayyichi suni nama heddu, haga ganna torba, wold'aqisa woliini tolfata. Ammalle ganna torbaani suni jiddu keesati inni soriofi waan Waaqaa baasani ch'ufa balleesa. Waan hamtu nama rifachiisa fiit'e Mana Waaqa gubba kayani, haga nama achi kaye suni baddini Waaqi kurfeesefi sunini d'aqabduti.


Ato nama kud'ani keesa nami toko hafele, takacha sunile imballeesani; inni hunda mukha dambi ka murani fakaata. Ammalle akuma hunda suni worri Waaqaa ka d'ibiini late ga baha.


Hayyuuni guddo dalane, askarti ufi erge, worra nama ijeese suni ch'ufa fit'e dira worrale gube.


AABBO Waaqi Guddaani waan jed'u, Anini qorsumafi isaniti d'ufa, ammalle anini maruma toko worra falfala tolchu taanaani, d'iirafi nad'eeni aada male wolti yaatu taanaani, nama d'ara d'ugeesu taataanaani, ch'ubbicha nama hojattu isaati hori baasu didu taanaani, nama haad'a hiyyeesatiifi hiyyeeyi dabsu taanaani, nama keessuma ulfeesu didu taanaani, ammalle nama ch'ufa ka na insodaanne, d'uga intahuufi.


Anini d'ufe isani baase, gosa anini keesati isani firfirse ch'ufa imballeesa, ammo isani imballeesu. Anini yo isani gaargalchele d'uga gula isani gaargalcha. Nami dubbi tana jed'e ana, AABBO Waaqa.


Worri hojja galu, reefa worra na dide arga. Raamooni worra nyaatu haguma jirtu indootu, ibidi worra gubu haguma jiru ind'aamu. Reefa suni nami ch'ufti ilaani jibba.


Anini nama ch'ubbicha na didu ch'ufa isani keesaa fuud'e, lafa worri amma keesa jiru keesaa baase, lafa Israelileeti deebiu d'owa. Duuba akasiini aka anini AABBO Waaqa beetani.


Nama kiyya ka daba tolchu, ka, Hameenni nu ind'aqabu jed'u ch'ufa goraadeeni balleesani.


Anini achiti gumi balchiti, ta ufi inguddimne, ta qarqaarsa naraa fed'attu, lakisa.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite