Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Zekaria 13:3 - KITAABA WAAQA

3 Duuba yo nami tokoleeni ammalle aka raaga ufi tolche, abbaafi haati isa d'alte waan isaani jettu, Atini duu malte, jiraachu himmalle, waan atini maqa AABBO Waaqatini d'ara dubbatteefi. Hojja inni wo himu, abbaafi haati isa d'alte isa woraante ijeefti.

Gade chapit la Kopi




Zekaria 13:3
13 Referans Kwoze  

Ammo hojja raagi tokoleeni waan anini himi injed'ini, Waaqati jed'e jed'e, maqa kiyyaani hime, ha duuti; ammalle raagi maqa waaqa d'ibiini wohimuleeni ha duuti.


Nami abbaafi haad'a ufi nara jaalatu naa himmalle; ammalle nami ilmaani ufi nara jaalatu naa himmalle.


Yo raagi sobame dubbi d'ara fage, nami isa sobe ana, AABBO Waaqa. Duuba anini isati kae, gumi Israeli keesaa isa baasa.


Ammalle gumi tiyya nami toko, yokhaani raagi toko, yokhaani qaallichi toko, dubbi baa ulfo AABBO Waaqa maqale d'ae, anini isaafi worra isaa ch'ufa balleesa.


Nu armaa achi aada nama gula nama tokole inqorru. Yo duri aada nama gula Kristo qorrele, armaa achi intolchinu.


Nami nati d'ufu, ka abbaafi haad'a ufi injibine, yokhaani niitifi ijoolle yokhaani oboleesafi oboleeti yokhaani jireenna ufile injibine, dandae nama kiyya intahu.


Worri abbaafi, haad'afi, oboleyaanifi ilmaani isaani ira si jaalate, sii saalfate, dubbi tante ch'aqase wold'aqisa kanke jabeese.


Anini waan raagooti maqa kiyyaani waan d'ara dubbate, Anini ya oobjad'e, anini ya oobjad'e jettu imbeekha.


Jennaani anini waan Hananiani jed'e, Hanania, na ch'aqasi! AABBO Waaqi si inergine, atini jara kana sobde dubbi d'ara dugefachisuu jirta.


Tanaafi amma daayya teesani ta d'araatifi wonti d'ara ka isani faddani ya muumme baate. Anini gumi tiyya harka keesani keesaa baasa, duuba akanaani aka anini AABBO Waaqa beetani.


Inni waan nani jed'e, Namicha, fullaani anini barch'uma kiyya ka guddinna ira tau tana. Anini arma worra Israeli keesa tae worra fida. Worra Israelitiifi hayyooti worraleeni deebite waaqa d'ibi kad'atte, yokhaani reefa hayyoota worraa fulla tanati awaalte maqa kiyya qulqullo int'ureesitu.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite