Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Zekaria 12:11 - KITAABA WAAQA

11 Gaafasi booti Yerusalemu keesa aka gaafa Hadadrimoni diida Megido keesa bohani taati.

Gade chapit la Kopi




Zekaria 12:11
7 Referans Kwoze  

Hojatuni isa gaari keesaa isa fuute, gaari d'ibi keesa keete, Yerusalemuti geesite. Inni achi due awaala hayyoota keesati awaalani, jennaani worri Yudatifi ka Yerusalemu ch'ufti aka male isaa bohe.


Gaafa Yosiani hayyuma harkaa qabu suni, hayyuuni Neko jed'ani, ka lafa Misiri, askarti isaa fud'ate galaana Frati taake hayyu Ashuru qarqaaru d'aqe. Jennaani hayyu Yosiani askarti Misiri fuula keesa deeme Megidoti had'e, had'iisa suni keesati due.


Duuba akheekhi Ilma Nama gubbati mullata; gochiti lafa tana ch'ufti imbooti, Ilma Nama ka dumansa keesa jabeennaafi guddinnaani gadi buu argani.


Me ilaali, inni dumansa keesa d'ufuu jira! Nami ch'ufti isa arga, jari duri isa woraaneleeni. Gochiti lafa ch'ufa maro isaatiifi booti. Ha akasuma taatu! Amini.


Jennaani lubbuuni taani fulla afaani Ebraniatiini Har-Magedoni jed'aniti hayyoota ch'ufa wolti guurte.


Worri lafa keesa jiru ch'ufti koba kobaa boha: worra Daudi iraa bahe, ka Nathani iraa bahe, ka Lawi iraa bahe, Shimei iraa bahe, ammalle worri kaani ch'ufti akasuma boha. Worri ch'ufti koba kobaa boha, nami d'iira ka worraa ch'ufti koba bohe, nad'eenileeni kobati booti.


Ammo Yosiani iraa deebiu dide, waan Waaqi afaani hayyu Nekotini isani jed'e ch'aqasu dide, woya jijirate, diida Megido keesati isaa had'u d'aqe.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite