Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Yoshua 8:1 - KITAABA WAAQA

1 AABBO Waaqi waan Yoshuani jed'e, askarti ch'ufa fud'ad'i, dira Ai d'aqi. Sodaatte garaa ilaafini; anati jabeenna sii kenna, aka atini hayyu Aitifi nama isaatiifi dira isaale dabsate, lafti sunini tante taatu si tolcha.

Gade chapit la Kopi




Yoshua 8:1
24 Referans Kwoze  

Anini qara ilaafini, garaa jabaad'i siini injenne? Sodaate garaa ilaafini, wonti akanatiifi anini, AABBO Waaqi kanke, fulla atini deemtu ch'ufa sii wahelcha.


Insodaatina; waan AABBO Waaqi keesani Faraofi worra Misiri ch'ufa tolche qaabad'a.


AABBO Waaqi waan Yoshuani jed'e, Anini dira Yerikotifi hayyufi askarti isaa jajannale harka kanketiti kenna.


Nami si wahelche siini deemu AABBO Waaqa; inni si lakise si biraa indeemu, tanaafi insodaatini, garaa jabaad'u.


Hojja isani bisaani qile keesa buutanile anini isani woliini jira; yo galaana keesa deemtanile bisaani isani illiqimsani. Yo ibida keesa yaatanile ingubattani; bobai ibidaa woma isani tolchu.


Jennaani Yesoni waan worraani jed'e, Maafi akana sodaattani? D'ugefachaani teesani waan diqo. Jennaani Yesoni kae, bubbeefi galaana ch'allisiise, wonti ch'ufti qabanoofte.


Inni nama lafa keesa jiru ch'ufa womatu indaru, malaikaani gubbatiifi nami lafaleeni ch'ufti finna isaa jalati bula. Nami woi isani morme, Atini maani taata? jed'e gaafatu injiru.


Namaani gargari si baasani, bineensani wolti sigalchani, ganna torba akuma karaaba buuyo si nyaachisani fit'eesa keesa ala si bulchani. Duuba eegi suni atini ee jetta, aka Waaqi guddaani dandae lafafi nama ch'ufa fide, abba fed'u kennu.


Barafi wogaale ch'ufa isumati harkaa qaba; hayyule isumati barch'uma ira teesise, ammalle iraa buusa; nami qaroomafi hubacha namaa kennu isuma.


Gumi tiyya, insodaatina, worra Israeli, imudamina. Anini lafa fago suni ta boojiani iti isani geesani keesaa isani baasa. Isani lafa teesaniti galtani, nagayaani teetani, ch'alleesumani teetani, nami isani mudamsiisu injiru.


AABBO Waaqi ya na baase, anini isa d'ugeefad'e woma insodaad'u inni irree jabeenna naa kenne, naa baase.


AABBO Waaqi guddaani nu woliini jira, fullaani nu iti baqannu Waaqa Yakobooti.


Gumiini tante goraade ufiitini lafa indabsanne, yokhaani irre ufiitini infud'anne; ammo irreefi humna teetifi ammalle maro atini worra woliini jiraatte, jaalala tante garsiifteefi worri nyaapa ufi suni dabsate.


AABBO Waaqi ifsafi baafama kiyya; anini nama tokole insodaad'u. AABBO Waaqi gaargala lubbu ch'ufa duraa na baasa, anini woma insodaad'u.


Gochiti kanaanitiifi nami lafa tana keesa jiru ch'ufti waan kana d'agaye, amma tana nu marse nu ch'ufa fit'a! Atini duuba maani tolchita aka gurra kanke badi d'owartu?


Jennaani Yoshuafi askartini isaa ch'ufti, ta jajannilleeni ch'ufti sunuma Gilgali kaate.


AABBO Waaqi waan Yoshuani jed'e, Worra diqole insodaatiina. Anini worra yayu harka keetiti kenne worri tokoleeni ka si dura eju injiru.


Worra Heshboni, iyya! Dira Ai ya balleesani! Nad'eeni dira Raba, boha, ch'arqi naqad'a, waan taatani wollaala, gara ch'ufa oria. Waaqa keesani ka Milkomu jed'anifi qaalole isaatifi ilmaani worrale imboojiani.


Tanaafi worra kana insodaatina. AABBO Waaqi keesani isani woliini jira; inninu Waaqa gudda ka sodaatani.


Waan jed'aniini, D'uguma, AABBO Waaqi lafa tana ch'ufa ya harka keennati kenne. Maro teennafi worri achi jiru ch'ufti yaa mudame, waan tahu wollaale.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite