Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Yoshua 6:27 - KITAABA WAAQA

27 Duuba AABBO Waaqi Yoshua waan ch'ufa keesa qarqaare, gurri isaa lafa ch'ufa gahe.

Gade chapit la Kopi




Yoshua 6:27
22 Referans Kwoze  

Ammo worri Gibeoni waan Yoshuani worra Yerikotifi worra Ai tolche d'ageennaani,


Haga atini jirtu nami tokoleeni dandae si dura ineju. Akuma Musa wahelche sillee wahelcha; anini waan sii tolcha jed'e inuma tolcha, ammalle si illakisu.


waan anini isani barsiise ch'ufa guuta worraani jed'a. Beekha, haga guyya muummele anini isani woliini jira.


Yo nami lamaa sadi wolwoldae maqa kiyyaani kad'atu, anini jiddu worra jira.


Tana gula worri odu tana isati odeese: Aabbo, nu AABBO Waaqa kanke waan isaa d'ageenne lafa fagooti d'ufne. Nu ya waan inni lafa Misiri keesati tolche ch'ufa d'ageenne.


Hayyooti galaana Yordanitini ila adu, ta lafa golbo ta gaareeni: teetufi ta afaani baariini gudda haga lafa Lebanoni teetuleeni. Hayyooti Hititifi ta Amoritifi ta Perezitifi ta Hivitifi ta Yebusileeni waan kana d'ageete,


Ammo AABBO Waaqi Yusufu jaalate lakisu dide, gudda mana hid'aansale naasiseefi.


Aabbooni lubbu tante woliini tahinna. Eebitileeni isani ch'ufa woliini tahinna.


Ammo Aabbooni na woliini tae naa jabeese, aka anini dubbi ch'ufa gosa d'ibileti odeesu; afaani nyeench'a keesaa naa baasani.


Eebiti Aabbo keenna Yeso Kristo, jaalalti ta Waaqa wold'aqisi Lubbu Qulqulloleeni ha nuu ch'ufa woliini tau.


Hayyu Herode, bara suni, waan Yeso d'agaye, waan tissele ufitiini jed'e,


Tanaafi gurri isaa lafa Shamu ch'ufa gahe, nama d'ukuba qabuufi ka fayyad'abaani gaargale, ka jinni qabu, ka gagabdufa, ka naafatele isatiini d'ufani, inni worra ch'ufa fayyise.


Anini fulla atini deemte ch'ufa si woliini deeme, nyaapa kanke ch'ufa si duraa balleese, anini gurra gudda aka hayyooti lafa keesa jirtu ch'ufa qabdu sii kenne.


Tanaafi anini, AABBO Waaqi Israeli, waan jed'u: Anini duri aka worraafi gochiti tante haga jiru jireenna qaallu naa tatu kakhad'e. Ammo anini amma aka suni ya dide! Anini amma nama na guddisu guddise ammo nama ch'eera naa d'abu tufad'a.


Anini qara ilaafini, garaa jabaad'i siini injenne? Sodaate garaa ilaafini, wonti akanatiifi anini, AABBO Waaqi kanke, fulla atini deemtu ch'ufa sii wahelcha.


Ilaafiina garaa jabaad'a, worra insodaatina, AABBO Waaqi keesani isani woliini jira isani ilakisu, yokhaani isani biraa indeemu.


waan AABBO Waaqi isa woliini jirufi waan ch'ufa dabsate.


Gurri Daudi fulla ch'ufa gahe, AABBO Waaqi gosa ch'ufa isa sodaachiise.


Wonti akanatiifi lafa hayyuuni fidu ch'ufa keesa, aka Mordekaiini jabaate gurra baafate nama ch'ufa ira guddinna argate, aka dansaa beekhani.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite