Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Yoshua 6:2 - KITAABA WAAQA

2 AABBO Waaqi waan Yoshuani jed'e, Anini dira Yerikotifi hayyufi askarti isaa jajannale harka kanketiti kenna.

Gade chapit la Kopi




Yoshua 6:2
20 Referans Kwoze  

Inni hayyoota worra harka keesaniti kenne, isaani worra ijeeftani, maqa worra lafa keesaa balleesitani. Nami tokoleeni dandae isani ind'owu, haga isani worra ch'ufa balleesitaniti.


AABBO Waaqi waan Yoshuani jed'e, askarti ch'ufa fud'ad'i, dira Ai d'aqi. Sodaatte garaa ilaafini; anati jabeenna sii kenna, aka atini hayyu Aitifi nama isaatiifi dira isaale dabsate, lafti sunini tante taatu si tolcha.


Waan jed'aniini, D'uguma, AABBO Waaqi lafa tana ch'ufa ya harka keennati kenne. Maro teennafi worri achi jiru ch'ufti yaa mudame, waan tahu wollaale.


Waan jetteeni, Anini imbeekha aka AABBO Waaqi lafa tana isanii kenne. Nami lafa tana keesa jiru ch'ufti ya isani sodaate mudame bisaani naqate waan tahu d'abe.


Worri lafa Kanaani dabsate, atinileeni gosa lafa suni keesa teetu harka worrati kennite. Atini gumi tante irre worri gosafi hayyoota Kanaani waan fed'uni tolchu kenniteefi.


Tunini dubbi malaikaani qulqullooni kurfo d'ufte taani ch'ufti dubbate buufate. Tanaafi nami lafa keesa jiru ch'ufti ha beekhu, aka Waaqi guddaani nama nama fidu ch'ufa fide abba fed'u finna suni kennu — nama woma keesa injirrele ch'ufa.


Barafi wogaale ch'ufa isumati harkaa qaba; hayyule isumati barch'uma ira teesise, ammalle iraa buusa; nami qaroomafi hubacha namaa kennu isuma.


Daudini AABBO Waaqa gaafate waan jed'eeni, Worra Filisti kana inhad'a? Dandae indabsad'a? AABBO Waaqi waan jed'eeni, Ee, had'i, anini dabsacha sii keenna!


Atini amma lafa suni deefachu feeta? Atini waan waaqi kanke Kemoshini si kenne ch'ufa fud'adi woliini tae nuleeni waan ch'ufa ka AABBO Waaqi keenna nu keennu fud'anne woliini teenna.


Ammo AABBO Waaqi Israeli worra Sihonitifi duula isaa ch'ufa harka worra Israeliti kenne. Jennaani worri Israeli lafa worra Amori, ka gaafasi arda suni jiru, ch'ufa fud'ate.


Inni nama lafa keesa jiru ch'ufa womatu indaru, malaikaani gubbatiifi nami lafaleeni ch'ufti finna isaa jalati bula. Nami woi isani morme, Atini maani taata? jed'e gaafatu injiru.


Bara hayyooti suni lafa fiddu Waaqi gubbaa finna haga jiru jireenna ind'umanneeni d'ufa. Finna suni dandaani indabsatani, ammo inni finna d'ibi ch'ufa balleese haga jiru jireenna mohata.


Waaqi guddaani abba kanke Nebukadreza hayyu gudda tolche guddinnaafi ulfinna kenneefi.


Fullo Yeriko keesafi alallee ch'ufa hid'ani jabeesani eegani aka worri Israeli inseene. Nami tokoleeni ka seene yokhaani bahu injiru.


Siifi askartini tante guyya ch'ufa maro toko, haga guyya jaa, dira kana ira mara.


Worri Israeli hayyoota dira kana dabsate: Yeriko, Ai (d'aatu Betheli),


Jennaani AABBO Waaqi waan Yoshuani jed'e,


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite