29 Eegi suni hojattuuni AABBO Waaqa Yoshuani, ilmi Nuni, ganna d'ibbafi kud'aniti due.
Hojattuuni AABBO Waaqa Yoshuani, ilmi Nuni, ganna d'ibaafi kud'aniti due.
Jennaani anini qonqo gubba baate ta, Waan kana t'aafi, Ayyaana isaa nama armaa achi huji Aabbo keesati duu jettu d'agaye! Lubbuuni waan jettu, D'uguma akasi. Worri suni huji jabdu iraa boqota, waan hujiini worraa worra gula deemtuufi.
Nami due AABBO Waaqaa imfaarsu, yokhaani nami boola ekhera keesa bueleeni isaa imfaarsu.
Duuba Musani, hojatuni AABBO Waaqa achi lafa Moabu keesati due, akuma AABBO Waaqi indoota jed'eeni.
Duuba Yusufuuni, ka ganni isaa d'ibbafi kud'ani, lafa Misiriti due. Reefa isaa fuud'ani, qayya iti naqani, woya iti mamarani sanduqa keesa kayani.
Yusufuuni lafa Misiri keesa worra abba ufii woliini tae, ganni isaa d'ibbafi kud'ani geennaani due.
Jennaani Yoshuani biyyaani gala jed'e, nami ch'ufti lafa ufiti gale.
Jennaani lafa inni d'aale Timnath-Sera, lafa gaareeni Efraimu ta gaara Gaashitini mirgati isa awaalani.
Duuba lafuma isaa ta qooda kennanifi keesati isaa awaalani, ta maqaani isii Timnathi Heresi jed'ani, lafa gaareeni Efraimu, ta gaara Gaashitini mirgaa.