Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Yoshua 24:14 - KITAABA WAAQA

14 Duuba Yoshuani ammalle waan jed'eeni, AABBO Waaqa sodaad'a d'ugaafi garaa tokooni isa hojad'a. Waaqoota d'ara ka ababooti teesani duri galaana Frati gammafi lafa Misiri keesati kad'atte d'id'imati d'aa, AABBO Waaqa ch'alla hojad'a.

Gade chapit la Kopi




Yoshua 24:14
34 Referans Kwoze  

AABBO Waaqaa saalfad'a, garaa tokochani isa hojad'a, illakisina, waan jabdu inni isanii tolchele qaabad'a.


Amma worra Israeli AABBO Waaqi maani isani iraa fed'a? Wonti inni isani iraa fed'u, aka isani AABBO Waaqa keesani sodaatani, kara isaa ch'ufa gula yaatani, isa jaalatani, AABBO Waaqa keesani garaafi onne teesani ch'ufaani hojattani,


Duuba Yakobooni waan worra isaatiifi nama isa woliini jiruuni jed'e, waaqoota harkaani boch'ani, ta lafa nyaapati kad'attani taani gata ufi qulqulleesa, woya jijirad'a.


Wonti nu ufi guddimnuufi tana: heregi keenna aka dansa nu beesisa, aka lafa tana keesa, keesuma jiddu teennaafi teesani, nu garaa tokooni d'uga Waaqi nu kenneefi eeba Waaqaatiini teenne, ammo qalbi namatiini inteenne.


Inni waan jed'eeni, Yoosi Waaqoota gosa d'ibi ka isani qabdani kaani d'id'imati d'aa garaa tokooni AABBO Waaqa Israeliti ufi kenna.


Ayyaana isaati ka wollaala womatu inqamne, ka Seera AABBO Waaqa gula deemu.


waan ijoolle worraatini jed'e: Seera ababooti teesani baafte inguutina, aada worrale gula iyyaina, yokhaani waan worri harkaani boch'ele kad'attani ufi int'ureesina.


Nami qalbi horachuu fed'u qaraa fiit'e AABBO Waaqa sodaachuu male. Nami gorsa isaa gula deemu ch'ufti qalbi dansa argata. Haga jiru jireenna ha isaa faarsani.


Waaqi waan namaani jed'e, sodaani Waaqaa qarooma, ch'ubbu lakisitini hubacha.


ka atini afaani hojatu tante raagootaani nuu kennite, yayu ch'absine. Worri waan nuni jed'e, Lafti isani amma iti qubachuti jirtani tunini lafa t'uroofte badde, wonti akanatiifi worri keesa tau kunini yayu ch'ubbu ufitini t'ureese balleese.


Ee AABBO, aka anini garaa tokooni si hojad'e sii saalfad'e woma atini feetu ch'alla tolche qaabad'i; akasi jed'e aka hama bohe.


Yoshuani waan biyyaani jed'e wonti AABBO Waaqi Israeli jed'u tana: Duri ababooti teesani galaana Frati gama suni teete waaqa d'ibi kad'atte. Ababoota teesani suni toko abba Abrahamutifi Nahori ka Tera jed'ani.


AABBO Waaqa keesani dura wollaala male yaa.


Worri Israeli armaa achi deebie, AABBO Waaqa lakise hori ufi ballinna keesati qale laleesa jinni kad'achu himmalle. Worri Israeli haguma jiru jireenna aada tana ha jabeesu.


Jennaani gumiini Waaqa Yudeafi Galilayafi Samaria keesa nagaya argate eebifamte, Aabbo Waaqa sodaate qarqaarsa Lubbu Qulqullotiini jabaatte heddatte.


Mid'aani biyye dansa keesa jigani suni jara dubbi d'ageennaani garaa d'ugatiifi dansaani qabate obse mid'aani baasu fakaatani.


Ammo eegi suni guyyaani ind'ufa ka worri Israeli AABBO Waaqa isaanitifi ilma Daudi hayyu isaaniti deebiu. Gaafasi AABBO Waaqa sodaatani waan dansa inni worraa kennu fud'atani.


Dubarti tunini gaafa lafa Misiri keesa jirtu, ato didiqootu, dubrooma d'abde sharmut'a taate.


aka isani waan ira dansa gula baatani. Yo suni Guyya Kristo wollaalafi t'uri tokole inqabdani.


Eebiti Waaqa nama Aabbo Yeso Kristo guddo jaalatu ch'ufa woliini tahinna.


Ammo atini nuu araaramta tanaafi si sodaanna.


Seera kanke aka dansaa na guuchisiisi aka anini inch'eerfanne.


Duri namicha tokoti jira, ka Ayubu jed'ani, ka arda Uzi keesa godaanu, inni nama d'uga qajeela, ka Waaqa sodaate waan hamtu lagatu.


Ganni Abramu sagaltami sagali geennaani AABBO Waaqi isati mullate waan jed'eeni, Anini Waaqa Gudda. Na ch'aqasi, waan hamtu intolchini.


Samueli waan worra Israelitini jed'e, Hojja isani AABBO Waaqati garaa keesani ch'ufaani ka deebitani tatani, isani waaqa worra gosa d'ibitifi akheekha waaqa Ashtorethi ufiraa balleesu maltani. AABBO Waaqati ufi kenna, isuma ch'alla kad'ad'a, duuba inni harka worra Filisti keesaa isani baasa.


Yo isani AABBO Waaqa keesani guddiftani isa hojattani, isa ch'aqaftani seera isaa ch'ufa guuttani isanifi hayyuuni keesani ka isa gula yaatani taatani, wonti ch'ufti isanii qajeelti.


AABBO Waaqa keesani sodaad'a isa ch'alla hojad'a, maqa isaa ch'allaani kakhad'a.


Anini AABBO Waaqa keesani, ka lafa Misiri keesaa isani baase. Afaani keesani na dura qabad'a, anini isani quubsa.


Hiyo akasiniti; AABBO Waaqi waan dansa nu tolchuu malle ya nuti hime. Wonti inni nuraa fed'u tana: aka waan d'uga qajeeltu tolchani, jaalala ind'umanne nama garsiisani, ufi saadu lakisani Waaqa woliini taani.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite