Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Yoshua 2:19 - KITAABA WAAQA

19 Yo nami tokoleeni mana keesaa alati bahe, isumati duani ufi gahe dooti isaa gubba teennaniti. Ammo yo nama mana kanke keesa jiru tokole wotolchani dooti isaa gubba teenna.

Gade chapit la Kopi




Yoshua 2:19
23 Referans Kwoze  

Pauloni waan gudda askartitiifi askartiini jed'e, Yo worri kunini hobolo keesa tae male, isani bahu indandeetani.


Yahudiini isa didde arabsinaani, inni woya hargufate waan jed'e, D'iigi keesani mata keesani gubba ha jiraatu, anini qulqullo, arraa achi anini gara gosa d'ibi deema.


Yo Waaqi aka worra Misiri fit'u lafa Misiri suni ke bahe, siddoofi mikhikila balbalaa irati d'iiga arge, inni mana keesani baase akasiini waan sila nama fit'a suni isaniti seenu d'owa.


D'iigi mana dibani akheekha isanii taha. Yo anini d'iiga suni arge, isani bira dabra, duuba gaargali anini lafa Misiritiini d'ufu tokoleeni isani ingahu.


Nama Ilma Waaqa tuffatu, ka d'iiga wold'aqisa Waaqa ka isa qulqulleese bilaasha sehu, ka Lubbu eebaa arabsu, maal tolchani re? Gaargala isaa, aka inni hama, me herega!


isaani takaa tahu. Anini ammatana d'uga nami Seera guutu argatu tokole inqabu. Anini amma d'uga ta d'ugefacha Yeso Kristotiini argatani qaba, d'uga Waaqa biraa d'uftu, ta d'ugefachaani argatani.


Tanaafi anini guyya kana isani durati hima, aka d'iigi nama tokoleeni na gubbaa injirre.


Nami mana gubba jiru mana seene woma imfud'atiini.


AABBO Waaqi Yoabu ingaargalcha, waan inni, ka abbaani kiyya Daudini quba inqamne, worra suni fit'eefi. Inni nama lama ka woma iyyakini, ka isa ira jiru, ijeese: Abineri gudda askarti Israelitiifi Amasa gudda askarti Yuda.


Ammo keessuma nama, nama woma iyyakini ka mana ufi keesa ufumaa rafu ijeese, hagasi ira wo tolchani! Amma anini haalo isaa, isani ijeese lafa ira isani balleesa!


Daudini waan jed'eeni, Sumati dua tana ufitini d'ufe. Afaanuma keetiini atini, hayyu AABBO Waaqi muude anumati ijeese jette.


Jennaani worri waan jed'eeni, Waaqi nu ijeesinna, yo nu waan atini feetu sii inguutini! Yo atini waan nu yaanufi kana namati inhimini, gaafa AABBO Waaqi lafa tana nuu kenne, sii naane waan dansa si tolchina.


Nami nad'eeni abba isaa bira rafe ya abba ufi ch'eerse, isaafi niiti sunile ha ijeesani. D'iigi worraa gubbuma worraati.


Nama abbaafi haad'a ufi arabsu ha ijeesani d'iiga isaa gubbuma isaati.


Duuba amma isani maqa AABBOOTINI nati kakhad'a aka isani worra kiyyaa naatani waan dansa tolchitani, akuma anini waan dansa isanii tolche; ammalle akheekha woi ka anini isaniini d'ugeefad'u naa kenna.


Ammo yo waan nu yaanufi kana nama tokoleti himte, kakhu atini nu kakhachiifte taani nu sii inguunnu.


Dame gurbi urgoo fuud'a, d'iiga qori keesa jiru ke kaya, duuba mikhikilafi siddo balbala diba, haga lafti bariituti isani nami tokoleeni mana keesaa imbahiina.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite