50 Akuma AABBO Waaqi jed'e, dira inni kad'ate, Timnathi Sera, ka lafa gaareeni Efraimu keesa jiru isaa kennani. Inni dira suni ka qara hammate — jaare keesa qubate.
Jennaani lafa inni d'aale Timnath-Sera, lafa gaareeni Efraimu ta gaara Gaashitini mirgati isa awaalani.
Duuba lafuma isaa ta qooda kennanifi keesati isaa awaalani, ta maqaani isii Timnathi Heresi jed'ani, lafa gaareeni Efraimu, ta gaara Gaashitini mirgaa.
Efraimuni intala Sheera jed'ani toko qaba, isiini nama dira Beth-Horoni ka gubbatiifi ka golbatiifi Uzan-Sheeraale jaare.
Worri Israeli lafa ch'ufa gargari qoode jennaani Yoshua ilma Nuni qooda toko Koba kennanifi.
Maqaani worra kud'ani lamaani sunitifi ardaani worri fiduleeni kana: Benhuri: Lafa gareeni Efraimu.