Worri suni nama nad'eeniini ufi int'ureesiini, ka taka nad'eeni imfuud'iini. Fulla Ilmeeni Hoola deemtu ch'ufa gula deemani; ya nama lafa ch'ufa keesaa worra baasani, ammalle worri suni worra qara ka Waaqafi Ilme Hoolati baasani.
Nami waan suni keesa injirre Kalebu ilma Yefune ka gosa Kenisitifi, Yoshua ilma Nuni ch'alla; jara kana lamaani ch'allati garaa tokooni AABBO Waaqa gula yae.