7 Duuba inni qonqo tana nama ch'ufati labse waan jed'e, Tunini dubbi hayyufi jara isaa gugurda iraa d'ufte: Namafi loonifi reeleeni woma sooratte bisaanile ind'ugiini.
Yehoshefathini guddo sodaate qarqaarsa AABBO Waaqa kad'ate nama Yuda ch'ufaani, sagale inyaatina, ufi agabsa jed'e.
Jennaani worri Ninawi diqafi guddaleeni Waaqa d'ugeefate ufi agabse ch'arqi naqad'a woliini jed'e, aka akasiini wollaala iraa deebiti garsiisu.
Looni burrisani d'ooani marra barbaadani, hooliyeleeni gaargalte ufi jibbaatte.
Jennaani fulluma galaana Ahavati anini seera baase, aka nu ch'ufti ufi agabsine Waaqa kenna durati ufi diqeesine, inni nuufi ilmaani teennafi hori keenna kara nagaya qajeelchu.