Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Yona 3:5 - KITAABA WAAQA

5 Jennaani worri Ninawi diqafi guddaleeni Waaqa d'ugeefate ufi agabse ch'arqi naqad'a woliini jed'e, aka akasiini wollaala iraa deebiti garsiisu.

Gade chapit la Kopi




Yona 3:5
21 Referans Kwoze  

Guyya qorsuma jari Ninawi kae isani himata. Wonti akanatiifi worri dubbi Yona d'ageennaani daba iraa deebie; ammo hubad'a, nama Yona ira jiruti arma jira.


Biyyiti Ninawi Guyya Mura kaateti d'aloota kana himatti, waan worri maro odu dansa ta Yonani odeeseefi daba iraa deebiefi. Ammo kuno, nami Yona ira jiru arma jira.


Duuba guddise Waaqa gudda kad'ad'e, ufi agabse, ch'arqi naqad'e, daara keesati gale,


Gumi wolti yaama, guyya ufi agabsitani tolfad'a! Jaaroleefi nama lafa Yuda keesa tau ch'ufa Mana AABBO Waaqa keesani keesati wolwoldeesisa, isa yaamad'a.


Yehoshefathini guddo sodaate qarqaarsa AABBO Waaqa kad'ate nama Yuda ch'ufaani, sagale inyaatina, ufi agabsa jed'e.


D'ugefacha jechaani aka waan heregataniifi waan ilaani ingarre d'uga iti qabaatani.


D'ugefachati Nuhu gorsa Waaqa ka ilaani ingarre, ka hegeri taha, d'ugefachiise. inni dubbi Waaqa ch'aqase, hobolo ta keesati isaafi worri isaa bahe ijaare. Kara kanaani inni wollaala lafati mure, d'uga d'ugefachaani d'uftu argate.


Tanaafi, d'iiro, garaa jabaad'a! Anini ya Waaqa d'ugefad'e, aka wonti nati himani kuni taatu.


Nami ch'ufti dubbi isaa ch'aqase, diqaafi guddaleeni waan jed'e, Namichi kunini humna Waaqa ta Humna Guddo jed'aniini.


jennaani anini Yohananifi jara gugurda askarti, ka isa woliini jirufi jara kaani ch'ufa wolti yaame


Jennaani jari gugurdaani askarti ch'ufti Yoanani ilma Kareatifi Azaria ilma Heshayatifi nama diqaafi guddaale ch'ufa woliini d'ufani,


Jia sagaleeso, ka ganna shaneeso, ka Yehoiakimuni lafa Yuda mohate keesa, biyyiti AABBO Waaqaa jette ufi agabsite. Nami ufi agabse sunini worra Yerusalemu keesa taufi worra dira Yuda keesaa d'ufe.


Nami tokoleeni deebie nama gosa isaa yokhaani oboleesa isatini, AABBO Waaqa beekhi jed'e, imbarsiisu; wonti akanatiifi worri ch'ufti, diqaafi guddaleeni, na beekha. Anini daba worraa araarameefi ch'ubbu worraale deebie inqaabad'u. Nami dubbi tana jed'e ana, AABBO Waaqa.


Jennaani fulluma galaana Ahavati anini seera baase, aka nu ch'ufti ufi agabsine Waaqa kenna durati ufi diqeesine, inni nuufi ilmaani teennafi hori keenna kara nagaya qajeelchu.


Anini d'uga tiyya lama erga; isiini ch'arqi uyifatte guyya kunki tokotiifi d'ibba lamatiifi jaatama d'aamsa Waaqaa odeesiti jed'ani.


Mordekaiini waan tolchani kaani ch'ufa hubate jennaani laalefate, woya ufi tarsaase ch'arqi naqate, daara mata dibate, dira keesa deeme iyye bohe.


Duuba inni qonqo tana nama ch'ufati labse waan jed'e, Tunini dubbi hayyufi jara isaa gugurda iraa d'ufte: Namafi loonifi reeleeni woma sooratte bisaanile ind'ugiini.


Duuba worri Israeli, eegi gaara Sinaiti godaane, deebie faaya ufii innaqanne.


Hayyu Hezekiani, akuma qonqo worra kaani d'agayeeni laalefate woya ufi tatarsaase, ch'arqi naqate, Mana AABBO Waaqa d'aqe.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite