Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Yona 1:9 - KITAABA WAAQA

9 Inni waan jed'eeni, Anini nama gosa Ebrania; ammalle anini AABBO Waaqa gubbaa, ka lafafi baariinile uume sodaad'a.

Gade chapit la Kopi




Yona 1:9
29 Referans Kwoze  

Jennaani worri Israeli kad'acha tana kad'ate: Ee AABBO si ch'allati AABBO Waaqa; nami gubbafi urjile uume siuma. Atini lafafi baariinifi waan keesaa jira ch'ufa uumte jireesite wonti gubba jira ch'ufti gajette si kad'ati.


Waaqa gubbati galata deebisa; jaalalti isaa haga jirtu ind'umatu.


Anini qonqo tana d'agaye jennaani gatae bohe, haga guyya heddu laalefad'e sagale dide ufi agabse, Waaqa gubba kad'ad'e waan jed'eeni,


Wonti hayyuuni Ajemi ka Koreshi jed'ani jed'u tana: AABBO Waaqi gubbaa, yayu gudda lafa ch'ufa na tolche, ammalle waan nani jed'e, lafa Yuda keesa, dira Yerusalemu; mana naa jaari:


Duuba akasiini qaallichi Israeli toko, ka qara Samaria keesaa boojiani, kae, Betheliti deebie, achi tae, aka AABBO Waaqa kad'atani biyya barsiise.


Worri gaafa qara achi qubatani AABBO Waaqa insodaanne; tanaafi inni nyeench'a worra hobaasu iti erge.


Ammo namichi toko baqate waan kana ch'ufa Abramu ka gosa Ebraniati hime; inni gaafasi fulla mukeeni woyyu, ta namicha Mamre gosa Amori jed'ani, d'aatu jira. Mamrefi oboleyaani isaa Eshkolifi Aneriini golli Abramuti.


maro madaafi d'ukubsacha ufitiifi, Waaqa gubbaa arabsa; ammo hameenna ufi iraa indeebine.


Eennuti sii insodaanne Aabbo? Eennuti maqa kanke inguddimne? Si ch'allati qulqullo. Gochiti ch'ufti d'ufteti si guddiftu. Maro huji tante ta d'uga, ta nami ch'ufti arguutiifi.


Hojja suni lafti chochoote, qooda kud'anneeso ka dira hobaasani, nami kunki torba, lafti chochoonaani, raawate. Nami hafe sodaate jabeenna Waaqa ka gubbaa faarse.


Eegi d'alad'e torba bule qabanqaba na qabani. Gochiti tiyya Israeli, balbala Benjamini, Ebrania d'ugaati. Aada Yahudi gula anini Farisayo.


Edda malaikaani Waaqa kiyya, ka anini kad'ad'u, na bira ejatte


D'iiro, isani maafi waan akana kana tolchitani? Nu namuma aka keesaniti! Nu Odu Dansa isaniti hasoomna, aka waan kana ka woma intahiini iraa deebitani, gara Waaqa jireenna ka gubbafi lafafi galaanafi waan keesa jira ch'ufa uume deebitani.


Ammo eegi suni guyyaani ind'ufa ka worri Israeli AABBO Waaqa isaanitifi ilma Daudi hayyu isaaniti deebiu. Gaafasi AABBO Waaqa sodaatani waan dansa inni worraa kennu fud'atani.


Bara hayyooti suni lafa fiddu Waaqi gubbaa finna haga jiru jireenna ind'umanneeni d'ufa. Finna suni dandaani indabsatani, ammo inni finna d'ibi ch'ufa balleese haga jiru jireenna mohata.


Sheet'ani waan jed'eeni, Mala keeti Ayubuni fayyuma si jaalata?


Hayyichi waan nani jed'e, Maani feeta re? Jennaani anini Waaqa gubbaa kad'ad'e.


Worri waan nuni jed'e, Nu hojatu Waaqa lafafi gubba uumeti, nu Mana duri hayyuni jabaani Israeli toko jaare mid'aasine jaaru jira.


hojattu mana keesa hojatu ch'ufati iyyite, D'iiro, ilaala, namichi Ebrania ka d'iirsi kiyya mana kiyyatiini gale kaani ya nu miid'e. Reefu tana nati olseene na buufachu fed'e, ammo anini haguma dandau iti iyye.


Jennaani hayyichi Misiri nad'eeni nad'eeni Ebrania deesiftu, ta Shifrafi Pua jed'ani, dubbise waan jed'eeni,


Boriyya achiti deebie worra Ebrania lama ka woli diduu jiru arge namicha fulla injirreeni waan jed'e, Maafi oboleesa kanke d'aanta?


Waaqi biyye goddu suniini Lafa jed'e, ammalle bisaani wolti deebiani suniini Baariini jed'e; Waaqi wonti kunini dansa arge.


AABBO Waaqi, Waaqi gubbaa, worra kiyyafi lafa fiit'a tiyya keesaa na baase, aka lafa tana anaafi d'aloota kiyyaa kennu kakhate. Inni malaika isaa si dura erga, aka atini niiti gurba kiyyaa agartu.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite