33 Yo namichi kunini gara Waaqaati imbahiini dandae woma intolchu jed'e.
Farisayo keesa nami gari waan jed'e, Namichi kunini, ka waan kana tolche, gara Waaqaati ind'umne, maro inni seera Sabato inguunneefi. Ammo ka gari waan jed'e, Nami daba qabu akami dandae waan akana kana tolcha? Jennaani gargari bahani.
Inni Yesoti halkaniini d'ufe waan jed'eeni, Rabbi, nu imbeenna aka atini qaallu gara Waaqati d'ufe; wonti akanatiifi nami tokoleeni akheekha atini tolchitu kana dandae intolchu, yo Waaqi isa woliini jiraate male.
Haga lafti uumamte, nama nama balla d'alate ila banu taka ind'ageenne.