32 Haga lafti uumamte, nama nama balla d'alate ila banu taka ind'ageenne.
Nami tokoleeni takaa Waaqa aka keeti, ka nama isa abdatu wo bahu, arge ind'ageenne.
Hangaasufi iyanafi mandiisuuni d'ufte, lafti chochoote. Haga nama uumani taka lafti akana inchochoone; chochoiti tunini ch'ufa ira hamtu!
Wonti inni haguma duriiti afaani raagoota isaa qulqullotiini jed'e tana:
D'uguma atini imbeeta, haguma duri nama lafa irati uumani,
Aka Waaqi nama daba qabu inch'aqamne imbeenna; ammo nama Waaqa kad'ate fed'i isaa tolchu Waaqi inch'aqasa.
Yo namichi kunini gara Waaqaati imbahiini dandae woma intolchu jed'e.
Ammo nami gari waan jed'e, Dubbini tuni ta nama jinni qabutiiniti. Jinniini dandeete nama balla ilaa banti?