30 Namichi kaani waan worraani jed'e, Ehayi, tunini waan mamaati! Gara inni bahefi imbeetani ammo inni ila naa bane!
Ammo ato inni akheekha heddu worra durati tolchele, worri isa ind'ugefanne,
Yesoni waan jed'eeni, Atini qaallu Israeliti, ammalle waan kana imid'aafanne?
Gaafasi duudaleeni dubbi kitaaba ta soomani d'agaye, ballaleeni ka duri lafti iti dukanooftu amma ila banate wo arga.
Tanaafi anini gumi tana waan mama iti buuse worra mamsiisa. Qaroomi qaroo bade, qalbiini nama wo beekhu lafaa d'abani.
Ila na bani aka anini waan mama ka Seera kanke keesa jira argu.
Waaqi, Dukana keesa ifsaani ha ifsu jed'eti ifsa kana garaa keenna keesati ifse, aka ifsa hubacha guddinna Waaqa nuu kennu ka fuula Kristoti ifsu.
Inni waan ergattu Yohanatiini jed'e, D'aqa, waan argitaniifi waan d'ageetani Yohanati hima: ballaani lafa arga; naafi kae deema, nami qomaat'a qabu inqulqullaa, ka gurri duude ind'agaya; nama due inkaasani, Odu Dansa hiyyeeyiti odeesani.
ballaani lafa arga, naafi indeema, nami qomaat'a qabu inqulqulla, duudaani ind'agaya, reefale kaasani, Odu Dansa hiyyeeyiti odeesani.
Gaafasi ballaani lafa arge, duudani wo d'agaye.
Waan worri d'ugefacha d'abeefi guddo mame. Jennaani Yesoni olla ch'ufa keesa dedeeme barsiise.
Yesoni waan worraani jed'e, Isani waan t'aafiini jettu taka insoomne? D'akhachi ijaartuuni tuffatte dide ya d'akha ch'ufa ira jabaa tahe. Aabbooti waan kana tolche, ila teenna durati wonti kuni waan mamaati!
Aka Waaqi Musani dubbate nu imbeenna; ammo namicha kana gari inni bahefile imbeennu.
Aka Waaqi nama daba qabu inch'aqamne imbeenna; ammo nama Waaqa kad'ate fed'i isaa tolchu Waaqi inch'aqasa.