50 Taatule anini guddinna ufi imbarbaadu. Ka barbaadu tokoti jira, ka aka dansa wo qoru.
Anini guddinna nama iraa imbarbaadu.
Yesoni waan jed'eeni, Yo anini ufi saade, saaduuni tiyya woma imbaatu. Ammo Aabbooti na saada, ka isani Waaqa keenna jettaniini.
Nami qalbi ufiitini dubbatu guddinna barbaada. Ammo anini ka guddinna Waaqa na erge barbaadu ka d'ugaati; ammalle na keesa d'arti injirtu.
Waan anini Aabbooti isani himad'u insehiina; nami isani himatu toko jira, Musa, ka isani abdattani.