30 Inni waan kana jennaani nami hedduuni isa d'ugefate.
Ammo gumi keesa nami hedduuni d'ugefate waan jed'e, Yo Kristoni d'ufe, akheekha d'ibi ka nami kuni tolche ira tolcha?
Jennaani Yahudiini hedduuni, ta Mariamu woliini d'ufte, ta waan inni tolche suni argite, isa d'ugefatte.
Nami hedduuni achiti isa d'ugefate.
Biyyiti akheekha inni tolche suni arginaani waan jette, Kunini d'uguma raaga ka sila lafati d'ufu male!
Ato Yesoni Yerusalemu jiru, gaafa Jila Pasaka jed'ani, nami hedduuni akheekha inni tolche arginaani, maqa isaa d'ugefate.