36 Dubbini inni, Na barbaaddani ammo na inargitani, ammalle fulla ani jiru isani dandeetani ind'uftani jed'e tuni maani?
Nikodemoni waan jed'eeni, Wonti kuni akami dandeete taati?
Isani na barbaaddani, ammo na inargitani, fulla ani jiru dandeetani ind'uftani.
Ammo nami Lubbu Waaqa inqamne dandae kenniti Lubbuuni Waaqa namaa kennitu inargatu. Inni dandae inhubatu, woma tokole iti imfakaatu; wonti akanatiifi nama Lubbu Waaqa qabu ch'allati dandae hubata.
Gumiini waan jetteeni, Nu yayu Seera keesati soomne aka Kristoni haga hegeri tau. Atini akami Ilma Nama lafa tana olfuud'u malani jette re? Ilmi Nama kunini eennu kana?
Jari isaa hedduuni akasi d'ageennaani waan jed'e, Jechi kuni jaba, eentu dandae hubata?
Duuba Yahudiini wolmormite waan woliini jette, Isii, nami kuni akami dandae fooni ufi nuu kenna aka nyaannu?
Jennaani Yahudiini waan isaa gungumte, waan inni, Anini qit'a ka gubbaa gadi d'ufe ufiini jed'eefi.
Nikodemoni waan jed'eeni, Nami akami dandae d'alata, eegi jaare? Dandae maro lameeso garaa haad'ati deebie ind'alata?
Yesoni ammalle waan worraani jed'e, Anini gara d'aqa; isani na barbaaddani, ammalle daba keesani keesati dootani. Gara ani d'aqule isani dandeetani ind'uftani.
Ijoolle tiyya, nu haga diqa woliini jira. Isani na barbaadani, ammalle akuma anini qara Yahudiini jed'e amma isanileeni jed'a, fulla anini deemu isani dandeetani ind'uftani.