15 Yahudiini mamte waan jette, Kunini qarooma kana eesaa argate, ka nami imbarsiisiini?
Nami ch'ufti ka isa ch'aqase mame, maro dubbi dansa ta afaani isaa keesaa baateefi maadefate, waan jed'ani, Kunini ilma Yusufutiniti?
lafa ufi d'aqe, Mana Waaqa iti kad'atani keesati nama barsiise. Nami isa ch'aqase ch'ufti maadefate waan jed'e, Namichi kunini qalbi tanaafi humna waan mama kanaani tolchu eesaa argate?
Ato inni dubbatu, Festoni qonqo olfud'ate waan jed'eeni, Paulo, atini ya maraate; waan atini guddo wo baratteefi qalbiini tante ya hamaatte.
Askartiini taani waan jetteeni, Nami tokoleeni ka aka isaa dubbatu injiru. Farisayooni waan jetteeni,
Nami isa d'agaye ch'ufti beekhumafi jecha isaa guddo maadefate.
Waan kana d'ageennaani mamani, biraa yaani iti d'aabatani.
Jennaani jari gugurdaani Yahudi ka Yerusalemu, qaaloleefi worra Lawi Yohanati erge, atini eennu kana? jed'e gaafate.
Gumiini waan kana d'ageennaani guddo waan barsiisa isaa mamte.
Biyyiti duri isa beetu waan inni tau jiru argite jennaani waan woliini jette, gurbaani Kishi maani tahe? Sauloni ya raaga tahe?
Yahudiini jila keesa isa barbaadde waan jette, Inni me?
Ammo nami diideese waan isaa dubbatu injiru, waan Yahudi sodaataniifi.
Jaaroleeni kora jannooma Petrofi Yohana arginaani, ammalle aka worri woma insoomiini hubannaani mamte, aka worri Yeso woliini tae beekhani.
Yokhaani hojja isani nama soomu imbeenneti kennitani, Nu soomi jettani, inni waan isaniini jed'u, Anini soomu imbeekhu.