Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Yohana 6:63 - KITAABA WAAQA

63 Wonti nama jiraachisa Lubbu Waaqaa; fooni woma imbahani. Dubbini anini isaniti hime Lubbufi jireenna.

Gade chapit la Kopi




Yohana 6:63
31 Referans Kwoze  

Wonti akanatiifi dubbini Waaqa jireenna qabdi, ammalle jabdu. Sheefti ch'ufa ira qara qabdi. Nafa ch'ufa tarsaafti, haga fulla onneefi lubbuuni wolti ejitufi fulla mitafi d'uuti wolti ejitu. Isiini fed'ifi herega garaa nama ilaalti.


Lubbuuni ya jireenna nuu kennite; jireenna keennale qajeelchu malte.


Anini barsiisa tante inded'u, wonti akanatiifi siti waan sunini na jireese.


Simoni Petroni waan jed'eeni, Aabbo, eennuti yaana? Atini dubbi jireenna hegeri qabda.


Gaargala keesale, wonti garaa na jabeesa, kakhu tante ta na jireesitu.


Maro dubbi Waaqa ta haga hegeri jirtuufi, ya aka ijoolle didiqo ta abbaafi haati dootuniti ammo ta indoone d'alattani.


Barsiisaani tante hojja namaa diigaani ifsa namaa taate, daallele woi hubbachifti.


Dubbini tunini dubbi tabaatiiniti, waan jireenna keesaniti. Yo jabeesitani guuttani, lafa galaana Yordanitini gama ta isaani amma iti qubachu geetani tana keesati, guyyaani keesani d'eerata.


Wonti akanatiifi t'aafiini waan jettu: Nama qara, Adamu, nama jiru uumani; ammo Adamuni muumme lubbu jireenna namaa kennitu.


Tanaafi d'ugefachaani yo dubbi d'agayani d'ufti, dubbi yo waan Kristo hasaani d'agayani.


Wonti akanatiifi Kristoleeni nami dansaani maro nama hamatiifi due. Inni maro keesaniifi maro tokotu due, aka akasiini Waaqati isani deebisu. Nafa isa ijeesani ammo lubbuuni isaa injirti.


Ammalle maro waan kanatifi nu hojja ch'ufa galata Waaqa deebimna. Gaafa nu dubbi Waaqa isanii d'umneeni, isani aka dubbini suni ta namatiini, ammo d'uguma dubbi Waaqaa ch'aqaftani d'ugefattani. Waaqi jiddu isani worra d'ugefate hojachu jira.


Wonti akanatiifi seeri Lubbu, ka jireenna maro Kristo Yesotiifi nuu kennu, ya seera dabaatiifi ka duisa jala naa baase.


Fed'i isatiini inni dubbi d'ugatiini nu uume, aka nu uumama isa ch'ufa keesa angafa taanu.


Jennaani AABBO Waaqi biyye lafa iraa fuud'e nama tolche, hafuura jireennaa funaaniti afuufe, nami suni sunumaani jiraate lubbu argate.


Bisaani kunini waan batiso agarsiisaati, ta amma isani baaftu, t'uri nafa ira ind'iit'u, ammo kakhu qalbi dansaani Waaqati kakhataniini isani baafti. Batisooni maro kaisa Yeso Kristotiifi isani baafti,


Fayyafi irreeni nafaa wo namaa darti, ammo fayyafi irreeni lubbu kara ch'ufaani wo namaa darti, maro jireenna ka ammatiifi ka hegerile namaa kennituufi.


Barsiisaani d'ibiini ta qajeeltu intahiini, d'uga ira isani ingorsiini. Guddo dansa yo eebiti Waaqa garaa nu jabeesite, fulla seera sagale gula yaani ira; wonti akanatiifi worri seera kana gula yau qarqaarsa tokole ira inarganne.


Qabanqaba woma keesa injirtu. Wonti fed'ani uumama haraa.


Yo Seera guute qabanqabaani tante wo sii baati; ammo yo Seera ch'absite qabanqaba qabachu d'ibaatele womaniti.


Wonti akanatiifi yo nu Kristo Yeso keesa jiraanne, qabanqaba qabachafi qabachu baannaanile haga tokotu; wonti jabduuni d'ugefacha ta jaalalaani hojattu.


Guyya ch'ufa waan barate qaabad'i, wonti sunini lubbu teeti aka dansa tissi.


Akuma Abbaani nama due kaase jiraachisu, Ilmileeni akasuma nama fed'u jiraachisa.


Beena, Mana Waaqa d'aqa, dubbi jireenna hareesa kana hasaa, nama barsiisa.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite