Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Yohana 6:57 - KITAABA WAAQA

57 Akuma Abbaani kiyya ka jireenna qabu na erge, anileeni maro isatiifi jiraad'u, akasuma nami nafa kiyya nyaatuleeni maro kiyyafi jiraata.

Gade chapit la Kopi




Yohana 6:57
19 Referans Kwoze  

nami amma jiru ananiti, Kristoti na keesa jira male. Jireenna anini amma jiru kana maro d'ugefacha Ilma Waaqaatiifi jira, ka na jaalate jireenna ufi naa baase.


Akuma Abbaani jireenna ufi keesaa qabu, akasuma inni Ilmale tolche aka jireenna ufi keesaa qabaatu.


Wonti ani kad'ad'u, aka worri ch'ufti takaa tahu, akuma Aabbo, atini na keesa jirtu, anileeni si keesa jiru, aka akasuma worrileeni nu keesa jiraatu. Ammalle aka nami lafa, aka atini na ergite d'ugefatu.


Waaqi kara kanaani jaalala ufi nuu garsiise: inni Ilma ufi tokocha lafati erge, aka nu isaani jireenna argannu.


Waaqi Ilma ufi aka wollaala namati muru lafati inergine, ammo aka nama baasuufi erge.


Nami ch'ufti waan gaafa nu gara keesani d'umne, ka isani aka dansa nu bulchitani, dubbata, aka isani waan harkaani boch'ani lakiftani Waaqati deebitani, Waaqa d'uga ka jiru hojattani,


Ato laafinnaani maskali gubbati isa ijeesanile, jabeenna Waaqaatiini amma jira. Nuleeni isa keesa lalaafo; ammo jabeenna Waaqa ka gara keesani jiruuni isa woliini teenna.


Akuma nami ch'ufti Adamu keesa duu, akasuma Kristo keesale nama ch'ufa duisa keesaa kaasani.


Eegi bulti diqo nami lafa deebie na inargu, ammo isani na agartani, waan anini jiruufi isanileeni injiraattani.


Yesoni waan jed'eeni, Karaani ana, d'ugaafi jireennileeni ana; nami tokoleeni gara Abba ind'aqu, anaani d'aqu male.


Simoni Petroni waan jed'eeni, Atini Kristo, Ilma Waaqa jiruuti.


Ammo AABBO Waaqa, atini Waaqa d'ugaa, atini Waaqa jirufi hayyu haga jiru jireenna jiru. Hojja atini dallantu, lafti inchochooti, gochitileeni dallansu tante dandeete inoobsitu,


AABBOONI Waaqa jiru! Siida kiyya ha faarsani! Waaqa na baasu guddinna isaa odeesa.


Waan wonti kunini d'uga taateefi, d'iigi Yeso hagasi ira wo baha? Lubbu hegeritiini inni aka sorio d'uga Waaqaa ufi baase. D'iigi isaa herega keenna huji hamtu ira qulqulleesa, aka nu Waaqa jiru hojannu.


Yesoni waan jed'eeni, Hujiini Waaqa tana, aka nama inni erge d'ugefattani.


Wonti anini gubbaa gadi d'ufeefi aka fed'i tiyya guutuuniti, ammo aka fed'i nama na erge guutu.


Wonti akanatiifi t'aafiini waan jettu: Nama qara, Adamu, nama jiru uumani; ammo Adamuni muumme lubbu jireenna namaa kennitu.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite