55 Wonti akanatiifi fooni kiyya sagale d'ugaati, ammalle d'iigi kiyyaleeni liqimsaa d'uga.
Anini zabibu d'ugaati, Abbaani kiyya abba oobruuti.
Duuba Yesoni Yahudi isa d'ugefateeni waan jed'e, Isani yo dubbi tiyya guuttani, d'uguma jara kiyya taatani;
Yo Ilmi isani balchoomse aka d'uga balchoomtani.
Jennaani Yesoni waan jed'eeni, D'uguma, waan anini isaniini jed'u, Nami qit'a gubbaa isani kenne Musaniti, ammo Abba kiyya ka gubba jiruti kenne.
Ifsaani d'uga, ka nama ch'ufaa ifsu, lafati d'ufu jira.
Inni huji qaallu gudda Fulla Qulqulloti hojata, waaro Aabbooni d'aabe keesa, ta nami d'aabeeniti.
Yesoni Nathanieli gara isaa d'ufu arginaani, waan isaa dubbate waan jed'e, Me ilaala, nama Israeli ka d'ugaafi, d'arti tokoleeni isa keesa injirre.
Ammalle nu imbeenna aka Ilmi Waaqa d'ufe hubacha nuu kenne, akasiini aka Waaqi d'ugaa beenna. Nu Waaqa d'ugaa keesa jira, Ilma isaa Yeso Kristo keesa. Waaqi d'ugaa kana, jireenni hegerileeni kana.
Ammo gammadi atini naa kennite, gammada worri mid'aanifi daad'i quufe argatu ira jira.
Nami fooni kiyya nyaate d'iiga kiyya d'ugu jireenna hegeri qaba, anini guyya muumme duisa keesaa kaasa.
Nami fooni kiyya nyaate d'iiga kiyya d'ugu na keesa taa, anileeni isa keesa taa.