Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Yohana 6:51 - KITAABA WAAQA

51 Anini qit'a jireenna ka gubbaa gadi d'ufe. Yo nami qit'a suni nyaate haga hegeri jiraata. Ee, qit'aani anini maro jireenna lafatiifi kennu sunini fooni kiyya.

Gade chapit la Kopi




Yohana 6:51
30 Referans Kwoze  

Jennaani inni qit'a fuud'e, eebimnaani ch'ach'abse, worrati kenne waan jed'eeni, Kunini nafa kiyya [ka maro keesaniifi kennani. Waan kana tolcha na qaabad'a.


Qit'aani Waaqi namaa kennu namicha gubbaa gadi d'ufe jireenna lafaa kennu.


Nami tokoleeni ka takuma gubba d'aqe injiru, Ilma Nama tokocha, ka gubba gadi bue male.


Inni nafa ufi nuu kenne, aka hameenna ch'ufa keesaa nuu baase, gumi isaa qulqullo, ta waan dansa tolchu feetu nu tolchu.


akuma Ilmi Nama, aka nami isa hojattufi ind'ufiini, ammo aka namaa hojate, jireenna ufi maro nama heddutiifi baasu d'ufe.


Inni golla keesa kara hareesafi ka jireenna nuu bane; akasi jechaani nafa isaa keesa.


Kristoni daba inqabu, ammo Waaqi maro teennaafi isaa daba tolche aka nu maro Kristotiifi d'uga Waaqa argannu.


Gara Aabbo koota, inni d'akha jiru ka biyyiti ch'ufti didde, ammo Waaqi fohate.


Jaalala keesa yaa, akuma Kristoni nu jaalate jireenna ufii nuu baase, sorio dansa fooleeni isii Waaqa gammachiiftu nuu tahe.


Wonti akanatiifi Waaqi guddo lafa jaalate, tanaafi Ilma ufi tokocha namaa kenne, aka nami isa d'ugefatu tokoleeni imbanne, ammo jireenna hegeri argatu.


Boriyya Yohanani Yeso gara isa d'ufu jiru arginaani waan jed'e, ilaala, ilme hoola Waaqa, ta daba nama lafa ch'ufa fud'attu.


Ammalle nu ya garre ammalle biyyati odeesina aka Abbaani Ilma ufi erge, aka Qarqaarsa lafaa tahu.


Jaalalti tana: waan nu Waaqa jaalannefiiniti, ammo waan inni nu jaalate, Ilma ufi nu erge, akanaani maro huji isaatiifi daba keenna nu araaramani.


Maro huji isaatiifi daba keenna nu araaramani, keenna ch'allaaniti ammo ka nama lafa ch'ufale.


Dubbini nama taate, jiddu teenna teete, nu guddinna isaa agarre, akuma guddinna Ilma tokocha ka gara Abbati bahe, ka eebafi d'ugaani guutame.


D'iirsole, akuma Kristoni gumi ufi jaalate nafa ufi kenneefi, isanileeni akasuma nad'eeni teesani jaaladlad'a.


D'aamsi keenna aka Waaqi Kristo keesa nama ufiti araarsu. Waaqi daba worrati int'aamne, ammalle ya d'aamsa nagaya kana harka keennati kenne.


Nami na d'ugefatu, aka t'aafiini jettu, garaa isaa keesaa bisaani jireennati yaa.


Akuma Musani lafa gamoojiti bofa fannise, akasuma Ilma Nama fannisu malani,


Nami Ilma d'ugefatu jireenna hegeri qaba; nami Ilma d'ugefachu didu haguma jiru jireennale jireenna inargatu, ammo Waaqi haga jiru jireenna isati dallana.


D'uguma waan anini isaniini jed'u, Nami dubbi tiyya d'agaye ka na erge d'ugefate, jireenna hegeri qaba. Isa wollaala iti imurani, ammo ya duisa keesa bahe jireenna argate.


Yesoni waan jed'eeni, Qit'aani jireenna ana. Nami gara kiyya d'ufu imbeelau, ammalle nami naa d'ugefatu diqole ind'eebotu.


Jennaani Yahudiini waan isaa gungumte, waan inni, Anini qit'a ka gubbaa gadi d'ufe ufiini jed'eefi.


D'uguma, waan anini isaniini jed'u, Nami d'ugefatu jireenna hegeri qaba.


Anini qit'a jireennaati.


Kunini qit'a ka gubbaa gadi d'ufe, ka nami nyaate indoone.


Nami ato jiru na d'ugefatu haguma jiru induu. Atini akasi d'ugefatta?


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite