42 Worri waan jed'e, Namichi kunini Yeso, ilma Yusufu, ka nu abbaafi haad'a isaa beennuuniti? Inni akami ammatana, Anini gubbaa gadi d'ufe ufiini jed'a?
Kunini ogeesa mukhatiiniti, ilma Mariamu, oboleesa Yakobotiifi Yosafi Yudafi Simoniiniti? Oboleyaani isaa ta dubra arma nu woliini injirtu? jed'ani, isa didani.