Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Yohana 6:40 - KITAABA WAAQA

40 Wonti Aabbooni fed'u tana: aka worri Ilma arge d'ugefatu ch'ufti jireenna hegeri argatu; duuba anini guyya muumme duisa keesaa kaasa.

Gade chapit la Kopi




Yohana 6:40
37 Referans Kwoze  

Wonti akanatiifi gatiini daba duisa; ammo toli Waaqa jireenna hegeriiti, maro Kristo Yeso Aabbo keennatiifi.


Nami fooni kiyya nyaate d'iiga kiyya d'ugu jireenna hegeri qaba, anini guyya muumme duisa keesaa kaasa.


D'uguma waan anini isaniini jed'u, Nami dubbi tiyya d'agaye ka na erge d'ugefate, jireenna hegeri qaba. Isa wollaala iti imurani, ammo ya duisa keesa bahe jireenna argate.


Yesoni waan jed'eeni, Ka kaasufi ka jiraachisu ana; nami na d'ugefatu, yo duele, injiraata.


ammo nami bisaani anini kennu d'ugu haga jiru jireennale deebie ind'eebotu. Wonti akanatiifi bisaani anini kennu suni isa keesa maddani burqa tahani, haga jiru jireennale deebie ind'eebotu.


Eegi bulti diqo nami lafa deebie na inargu, ammo isani na agartani, waan anini jiruufi isanileeni injiraattani.


Nami na ilaalu ka na ergele ilaala.


Sagale d'umattu inhojatiina, ammo sagale haga jireenna hegeri teetu ta Ilmi Nama isanii kennu hojad'a, wonti akanatiifi Waaqi Abbaani yayu beesisa ufi isa ira keyate.


Nami Ilma d'ugefatu jireenna hegeri qaba; nami Ilma d'ugefachu didu haguma jiru jireennale jireenna inargatu, ammo Waaqi haga jiru jireenna isati dallana.


Dubbini nama taate, jiddu teenna teete, nu guddinna isaa agarre, akuma guddinna Ilma tokocha ka gara Abbati bahe, ka eebafi d'ugaani guutame.


Wonti akanatiifi ilti tiyya yayu baafama kanke agarte,


Tunini waan Kristoni nuu kakhate, aka jireenna hegeri nuu kennu.


AABBO Waaqi irre ufi qulqullooni gumi ufi baasa, duuba waan suni lafti ch'ufti inargati.


Atini humna nama ch'ufa ira ya isaa kennite, aka inni nama ch'ufa ka atini isaa kennite jireenna hegeri kennuufi.


Anini jireenna hegeri kennaafi, isiini haga jirtu indootu; nami tokoleeni harka kiyya keesaa imfud'atu.


jaalala Waaqa keesa taa, ato Aabbo Yeso Kristo ka naasu ufitiini jireenna hegeri is isanii kennu eegattanu.


Isani, ato isa inarginile, isa jaalatani, ato amma ilaani ingarrele isa d'ugefatani tanaafi gammada gudda dubbini dandeete imullimneeni qilit'amtani.


Waaqi, Dukana keesa ifsaani ha ifsu jed'eti ifsa kana garaa keenna keesati ifse, aka ifsa hubacha guddinna Waaqa nuu kennu ka fuula Kristoti ifsu.


Tanaafi akuma dabi maro duisatiifi nama mohate, akasuma eebiti Waaqaleeni maro d'ugatiifi nama mohatte maro Yeso Kristo Aabbo keennatiifi jireenna nuu kenniti.


Ammalle aka seeri isaa jireenna hegeri namaa kennu imbeekha. Wonti anini dubbad'u kuni waan Aabbooni, Dubbad'u naani jed'e.


Abbaani keesani Abrahamuuni maro guyya kiyya arguufi gammade. Arginaani qilit'ame.


Nami d'ugefate batifamu imbaafama, ammo ka ind'ugefanne wollaala iti murani.


Inni AABBO Waaqa durati akuma mukha late, hiddi isaa lafa goddu keesati bahu jira. Inni guddinnaafi mid'aaguma nu isani millannu inqabu, wonti nami millate isaani jaalatu tokoleeni injirtu.


D'ugefacha jechaani aka waan heregataniifi waan ilaani ingarre d'uga iti qabaatani.


D'ugefachaani Musani kae, lafa Misiri keesaa deeme, dalansu hayyu sodaachu dide. Inni iti deebiu dide, aka waan Waaqa ka imullanne argu.


Inni Lubbu d'uga, ka nami lafa dandae inarganne, waan isa ingarre yokhaani isa imbeenneefi. Ammo isani imbeetani, waan inni isani woliini tae, isani keesa haga hegeri tauufi.


D'uguma, waan anini isaniini jed'u, lafti Sodomafi Gomora guyya mura dira suni iraa goomti!


Worra kana gara gaargala ind'umanne ergani, worra d'uga gara jireenna ind'umanne ergani.


Fed'iini nama na erge tana, aka nama inni naa kenne tokole imballeesine, ammo guyya muumme kaasu.


Nami tokoleeni dandae nati ind'ufu, yo Abbaani na erge nati hirkise male; anini guyya muumme duisa keesaa kaasa.


Marthani waan jetteeni, Anini imbeekha aka inni guyya kaisa muumme kau.


Jennaani Musani bofa sibiila diima iraa mid'aase mukhati fannise aka sila, nami bofi nyaate ch'ufti bofa sibiila suni millate fayyu.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite